Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 122

Leellisa Yerusaalemii

Faaruu Daawitii, Ta Ittiin ol bayanu

«Gara mana Mootii Waan Maraa dhandha!»

yennaa isaan naan jedhane

ani gammade.

Ee Yerusaalem, miilli keenna,

karra teeti keessa dhaabbateera.

Yerusaalem qachaa wolitti hiiqee

jabeeffamee ijaarameeru.

Akkuma ajaja Israa'eliif kennameetitti,

achitti maqaa Mootii Waan Maraa leellisiisaaf,

gosi Mootii Waan Maraa ol bayan.

Achitti moototi sanyii Daawitii kolbaa bulchiisaaf,

barcumaa mootumma'aa dhaabbatane.

Nageya Yerusaalemiitiif daadimadha'a:

«Worri isii jaalatu milkowuu ti.

Dalleya isi'ii keessa nageenni,

mana mootumma'aa

ta isi'ii keessa sarmiis jiraatuu ti» jedha'a.

Ani sababa firootaa fi jaalota kiyyaatiif,

«Nageenni si keessa jiraatuu ti» hin jedha.

Sababa mana Mootii Waan Maraa

Waaqa keennaatiif,

ani waan dansaa si'iif hin halcha.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.