Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Faaru'uu 121
Ka Nu Eegu Waaqa
Faaruu Ittiin Ol bayanu
Ani ila tiyyaan gara koobaa ol ilaale;
qarqaarsi kiyya eessaa dhufa?
Qarqaarsi kiyya ka ol-gubba'aa fi lafa dade,
Mootii Waan Maraa biraa dhufa.
Inni miilli keeti akka mucucaatu hin lakkisu;
ka si eegu hin mugu.
Dhugumaan, ka Israa'el eegu
hin mugu; hin rafulle'e.
Mootiin Waan Maraa si eega;
Mootiin Waan Maraa gaaddisa keeti;
inni midda keeti jira.
Guyyaa aduun,
halkan jiin si hin miidhu.
Mootiin Waan Maraa
Waan hantuu mara irraa si eega;
inni jiruu teeti hin eega.
Mootiin Waan Maraa bayaa fi gala keeti
ammaa jalqabee haga bara baraatitti hin eega.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.