Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 101

Waadaa Mootichaa

Faaruu Daawitii.

Ani marroo jaalala keeti ka bara baraatii fi

marroo muraa haqaa teetii hin faarfadha;

ee Mootii Waan Maraa

faaruu leellisaa sii hin faarsa.

Ani jiruu komii hin qanne le'a.

Ati yoom gara kiyya dhutta?

Ani mana kiyya keessa

komii malee ideema.

Ani waan hantuu ila tiyya dura hin keyadhu;

ani hujii worra Waaqa irraa goree hin jibba;

isiin natti hin maxxantu.

Namooti yaada micciiramaa qabanu

na irraa fagaatanuu ti;

ani waan hantuu woliin tokkummaa hin qabu.

Nama ollaa ifii dhossa'aan hamatu,

hin balleessa;

nama nama tuffatuu fi

nama kooruuf ani hin ossadhu.

Akka isaan na woliin le'anuuf,

ilti tiyya gara worra addatamaa

lafa tana keessa jiranuu hin ilaalti.

Nami karaa komii hin qanne ideemu

inni na hin tajaajila.

Nami nama sobu mana kiyya keessa hin le'u;

nami dhara dubbatu na dura hin dhaabbatu.

Ani guyyuma guyya'aan

worra hamaa lafa tana keessa jiranu hin balleessa;

worra hantuu huju mara

qachaa Mootii Waan Maraa keessaa hin balleessa.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.