Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 100

Leellisiisaaf Mootii Waan Maraa Waamuu

Faaruu Galataa

Kolbaan lafa irraa marti,

Mootii Waan Maraatiif ilillisa'a.

Mootii Waan Maraa gammadaan tajaajila'a;

gammadaan faarfataa fuula isaa dura dhikaadha'a.

Mootiin Waan Maraa akka Waaqa te'e beeka'a;

ka nu dade isa; nuutille ka isaa ti;

nuuti kolbaa isaa ti; hoolota inni tiffatu.

Galateeffataa gara karra isaa,

leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena'a;

isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa'a.

Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef,

jaalalli isaa ka bara baraa haga bara baraa,

addatamummaan isaalle dhalootaa haga dhalootaa ti.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.