Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Milkiyaasii Raagichaa 4

Guyyaa Dhufa Mootii Waan Maraa

Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kunoo, guyyaan akka barbada ibiddaa gubu dhufaara; yennaa sanitti worri kooruu fi worri hantuu huju martinuu akka hicaace'ee ti; guyyaan dhufu sun isaan hin guba; hidda yookiin damee isaaniif hin lakkisu. Isin worra maqaa kiyya sodaattanuuf ammoo aduun balchummaa isiniif fidduu fi ta koolli isi'ii fayyinna ifi keessaa qabu isiniif hin baati; isin akka waatolee gooree keessaa gad baatee hin burraaxxan. Isin yennaa san worra hamoota san irra hin sirbitan; guyyaa ani waan kana godhu san faana teessan jalatti daadhaa hin te'an.

«Barsiisa garbicha kiyya Muuse'ee, seerataa fi ajaja ani gaara Horeebii irratti kolbaa Israa'elii maraaf isatti kenne qaabadha'a.

«Kunoo, guyyaan kiyya gudda'aa fi sodaachisaan sun adoo hin dhufiniin dura, ani Eliyaasii raagicha isiniif hin erga. Ani dhufee, lafa abaarsa itti buusee akka hin balleessine, inni gadhaa abbooti'ii gara ijoollee isaanii, gadhaa ijoollee isaanii gara abbootii isaanii hin deebisa» jedha.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.