Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Wongeela Luqaasii 17

Namoota Gufachiisuu Irraa Ifi Eeggachuu

(Mat. 18:6-7,21-22; Mar. 9:42)

Yesuus barattoota ifiitiin, «Wonni kolbaa gufachiisu dhufuu hin dhaddu; ammoo nama gufachiisu saniif aanne'e! Worra didiqqaa kana keessaa tokkocha gufachiisu'uu mannaa, dhakaan daaku'uu morma isaatitti hidhamee abbaaya'atti adoo gatamee isaaf woyya. Maarre isin ifi eeggadha'a; obboleessi keeti yoo si yakke, jabeessii gorsi1; yoo inni yakkaa ifii irraa deebi'e isaaf araaram.2 Guyya'atti yennaa torba si yakkee, guyya'atti yennaa torba deebi'ee gara keeti dhufee, ‹Ani yakkaa irraa deebi'eera› yoo si'iin jedhe isaaf araaram» jedhe.

Dhugeeffannaa

Ergantooti Gootta'aan, «Dhugeeffannaa teenna ede'i» jedhane. Goottaan deebisee, «Dhugeeffannaa haga midhaan sanaafici'ii geettu adoo qabaattanee, qilxaa kanaan, ‹Hiddaan buqqa'ii abbaayaa keessatti dhaabami!› yoo jettane, innille isiniif hin ajajama» jedheen.

Waan Tajaajilaa Irraa Barbaadamu

Yesuus, «Isin keessaa nami tokko tajaajilaa qotii qotu yookiin hoolee tissu yoo qabaate, tajaajilaan sun addee huji'iitii yennaa galu, ‹Koy as tee'ii sagalee nyaadhu!› hin jedhanii? Addee tana jedhu, ‹Sagalee naaf qopheessii, haga ani nyaadhee unutti woyaa teeti marxifadhuu naaf ergami! Achiin duuba atille hin nyaata hin unta› hin jedhanii motii? Inni, tajaajilaa kana waan inni isa ajaje waan muummesseef hin galateeffataa? Maarre isinille waan ajajantane maraa yennaa muummessitane, ‹Nuuti tajaajiltoota woy hin baane; nuuti waan tolchu'uu malle callaa tolchine› jedha'a!» isaaniin jedhe.

Yesuus Nama Kudhan Fayyise

Yesuus adoo Yerusaalem dhaquu, meessaa Samaariya'aatii fi Galiila'aatiin dabare. Adoo inni gara ollaa tokkoo seeniisatti jiruu, namooti kudhan ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dhibamaneeranu tokko itti dhufane. Isaan fagoo dhaabbatanee, qoonqoo guddo'oon, «Yesuus! Gootta'a! Nuu nayi!» jedhaneen. Yesuus yennaa isaan dhagge, isaaniin, «Dhaqa'aatii hayyootatti ifi mudhisa'a!» jedhe. Isaan adoo dhaqiisatti jiranuu fayyane. Isaan keessaa tokkochi akka fayye yennaa dhagge, qoonqoo guddo'oon Waaqa galateessaa, deebi'ee dhufe. Miila Yesuusiititti jigee isa galateeffate; inni nama Samaariya'aa ti. Yesuus, «Namooti kudhanuu fayyanee motii? Nami sagali meet ree? Namicha orma kana malee, nami Waaqa galateeffatiisaaf deebi'e hin jiruu?» jedhee gaafate. Achiin duuba Yesuus namichaan, «Ol ka'ii deemi; dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedhe.

Dhufiisa Mootummaa Waaqaa

(Mat. 24:23-28,37-41)

Worri Fariisaayotaa gariin mootummaan Waaqaa yoom akka dhuttu Yesuus gaafatane. Inni deebisee, «Mootummaan Waaqaa karaa nami eeguun hin dhuttu. Eennulle, ‹Ilaa, as jirti!› yookiin, ‹Achi jirti!› hin jedhu; sababille, mootummaan Waaqaa isin keessa3 jirti» jedhe. Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Yennaan isin guyyoota Ilma Namaa keessaa, guyyaa tokko dhaggiisaaf halchitanu hin dhutti, ammoo hin dhaggitanu. Namooti isiniin, ‹Kuunnoo achi jirti!› yookiin ‹Kunoo asi jirti!› hin jedhan. Isin ammoo hin dhaqina'a; faanalle hin fiigina'a! Akkuma balaqqeettiin gubba'aa balaqqittee gara tokkoo haga gara kaaniititti issitu, guyyaa Ilmi Namaa dhufu akkasuma hin te'a. Ammoo kanaan dura, Ilmi Namaa dhaloota kanaan guddoo rakkatu'uu fi jibbamuu qaba.

«Bara Nohiititti akkuma te'ee, bara Ilma Namaatittille akkasuma hin te'a. Haga guyyaa Nohi hoboloo guddo'otti galuutitti, kolbaan nyaataa unaa, fuudhaa heerumaa turte, bisaan badi'iille dhufee isaan maraa balleesse. Bara Looxiille akkuma kana te'e; kolbaan nyaataa unaa, bitataa gurgurataa, midhaan dhaabaa, ijaarrataa turte. Guyyaa Loox Sodoomii baye ammoo, ibiddii fi dhakaan bobe'u ol-gubba'aa roobee isaan maraa fixe. Guyyaa Ilmi Namaa mudhatuttille akkasuma hin te'a.

«Guyyaa san nami mana gubbaa jiru, ka mey4 isaa mana keessa jiru, fudhatiisaaf gad bu'ee gara manaa hin deebi'in.5 Haadha manaa ta Looxii qaabadha'a! Nami jiruu ifii fayyifatiisaaf barbaadu jiruu ifii hin dhaba; nami jiruu ifii dhabu ammoo jiruu ifii hin fayyifata. Ani isinitti hima, halkan san nami lamaan taqee takkattii irra hin rafa, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa. Dubartiin lamaan woliin daakuu daatti, takkattiin hin fudhatanti, tuun ammoo hin hatti. [Nami lamaan fichaa tokko keessa hin jiraata, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa]6» jedhe. Barattooti isaa, «Gootta'a, eessatti?» jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, «Addee reeffi jirutti allaatiin yaati» jedhe.

Source notes (6)
  1. Footnote Jabeessii gorsi: Xixi
  2. Cross-reference Mat. 18:15
  3. Footnote Isin keessa: Yookiin odduu teessan
  4. Footnote Mey: Miyyi
  5. Cross-reference Mat. 24:17-18; Mar. 13:15-16
  6. Footnote Barreeffam durii durii gariin laakkossa 36 hin qabu

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.