Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Wongeela Luqaasii 16

Mammaassa Toowataa Qaro'oo

Yesuus barattoota ifiitiin, «Namichi dureessi tokko, toowataa mana isaa toowatu qabaayyu. Toowataan kun akka karra isaa balleessaaru dureessichatti himane. Maarre namichi dureessichi toowataa san waamee, ‹Marroo teeti wonni ani dhage'u kun maan? Ati haganaa achi toowataa kiyyaa waan hin teeneef, herrega toowatumma'aan itti hujje natti kenni› jedheen. Toowataan sun gadhaa ifii keessatti, ‹Amma goottaan kiyya toowatummaa tana na irraa fuudhaara, maan godhu naa woyya? Hin qotadha'atti hin dande'u, hin kadhadha'atti hin fokkifadha. Yennaa toowatummaa irraa ari'ame akka namooti gara mana ifii na fudhatanuuf, ani waan godhu hin beeka!› jedhe. Achiin duuba worra liqaa goottaa isaa qabu tokko tokkoon waamee, ka duraatiin, ‹Liqaa goottaa kiyyaa meeqa ifi irraa qadda?› jennaan, namichi deebisee, ‹Zayitii ejersaa okkotee dhibba› jedhe. Maarre toowataan, ‹Galmee keeti hoo'o; ariifadhuu shantama jedhii barreessi›. Ammalle toowataan, nama liqaa goottaa isaa qabu dhibi'iin, ‹Liqaa gootta'aa meeqa qadda?› jedhee gaafate. Namichille deebisee, ‹Qamadii daawullaa shantama1› jedhe. Toowataan, ‹Galmee keeti hoo'o; dhibba saddeeti jedhii barreessi› jedheen. Goottaan, toowataa hin addatanne san mala inni dhowateef jaje. Kun ijoolleen lafa tanaa ijoollee ifaa caalaa worra isaan fakkaatu woliin wolitti dhikeenna qabanuun2 malaameyyii akka te'ane mudhisa. Ani isinitti hima, yennaa karri teessan hobbaate, akka isaan gara mana bara baraan itti leetanuu isin fudhatanu, karra dabaa ta lafa tanaatiin fira baafadha'a!

«Nami waan diqqo'oon addatamaa te'e waan guddoolle'een addatamaa hin te'a. Nami waan diqqo'oon hin addatanne, waan guddoolle'een hin addatamu. Yoo isin karra biyya lafaa tanaan hin addatamin, eentu addatee karra dhuga'aa isinitti kenna ree? Isin karra worra dhibi'iitiin yoo hin addatamin, karra isiniif teetu eentu isiniif kenna ree?

«Nami tokko garba goottaa lamaa te'iisaaf hin dande'u, tokkocha jibbee, kaan hin jaalata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan hin tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beesee tajaajiliisaaf hin dandeettanu» jedhe.3

Seeraa Fi Mootummaa Waaqaa

(Mat. 11:12-13)

Fariisaayoti worri beesee jaalatanu yennaa waan Yesuus dubbate kana dhage'ane isa ceeggatane. Yesuus ammoo isaaniin, «Isin yennaa maraa balchoota ifi gootanee ilaaltan, Waaqi ammoo waan gadhaa keessan keessa jiru dhagga, wonni nama duratti ulfaataa fakkaatee mudhatu, Waaqa duratti tuffatama'a. Seerri Muuse'eetii fi kitaaboti raagotaa haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti hujaa turane. Haga mootummaan Waaqaa odeeffanteen jalqabee nami martinuu itti galiisaaf jabeennaan wodhaaneera. Ammoo Seera keessaa bixxilleen4 addee dhidhattu ol-gubba'aa fi latti tartu irra kaso'o.

«Nami haadha manaa ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu maraa hin gaarayyeeffata. Akkasuma dubartii abbaan manaa lakkise ka fuudhu hin gaarayyeeffata.5

Namicha Dureessaa Fi Alaazar

«Namichi dureessi woyaa dhiillee dansittii, ta gatii guddo'oo uffataa, guyyaa mara qananumma'aan le'u tokko jira. Namichi hiyyeessi tokko, ka Alaazar jedhamu, ka nafi isaa duudiin mammadaayeeru balbala namicha dureessichaa dura irkateeraayyu. Inni waan qorii namicha dureessichaa irraa harca'e nyaatiisaaf halcha. Sareelle dhuttee madaa isaa arraabbatti. Namichi hiyyeessi duunaan, ergantooti Waaqaa fuudhanee cinaa Abrahaamii geessane. Namichi dureessichille du'ee awwaalame. Inni qilee6 keessatti rakkataa adoo jiruu, yennaa ol ilaale, fago'otti Abrahaam dhagge; Alaazarille cinaa isaatitti dhagge. Maarre inni Abrahaamiin, ‹Abbaa kiyya Abrahaam naa nayi! Ani bobe'a ibiddaa kana keessatti guddoo waan rakkatiisatti jiruuf, Alaazar qaccee quba ifii bisaan keessa cuuphee akka arraba kiyya naaf qabbaneessu maganne'ee naa ergi› jedhee waammate.

«Abrahaam deebisee, ‹Lansa kiyya, ati bara jiruu teeti ta lafaa, waan dansaa dhaggattee akka gammadde qaabadhu; Alaazar ammoo rakkataa ture. Amma inni gammadiisatti jira, ati ammoo guddoo rakkatiisatti jirta. Tana maraa irratti, akka worri asii gara keessan, worri achiille as gara keenna hin qaxxaamurre, bowwaan guddaan nu wodhakkaa jira› jedheen. Namichi dureessichi ammoo, ‹Abrahaam, yoona akka Alaazar gara mana abbaa kiyyaa ergitu si kadhadha. Ani obboleeyyan shan waan qabuuf, isaanille as addee rakkinnaa tana akka hin dhunne dhaqee ifi eeggachiisuu ti› jedhe.

«Abrahaam deebisee, ‹Isaan Muuse'ee fi raagota qaban, dubbii isaanii dhage'anuu ti› jedhe. Achiin duuba namichi dureessichi, ‹Waawwoo, abbaa kiyya Abrahaam, nami tokko du'aa ka'ee adoo dhaqee isaanitti himee ammoo cubbuu ifii irraa hin deebi'an› jedhe. Abrahaam ammoo, ‹Isaan Muuse'ee fi raagota dhage'uu yoo dhabane, yoo nami tokko du'aa ka'elle hin dhugeeffatanu› jedheen» jedhe.

Source notes (6)
  1. Footnote Daawullaa shantama: Qamadii gaashaa tokko irraa gale te'uu dande'a
  2. Footnote Wolitti dhikeenna qabanuun: Waan mataa ifiitiif, le'ii lafa tanaatiin
  3. Cross-reference Mat. 6:24
  4. Footnote Bixxilleen: Boqqoorri qubee takka'aa
  5. Cross-reference Mat. 5:32; 1 Qor. 7:10-11
  6. Footnote Qilee: Addee worri du'e wolitti qabamu

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.