Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Iyaasu'uu 16

Lafa Gosa Efreemiitii Fi Minaase'eetiif Kennante

Meessaan lafa sanyii Yoseefiitiif kenname gara kibbaatiin laga Yordaanosii cinaa Yeriko'oo, madda Yeriko'oo ka gara aduun baatuutii ka'ee, gara goomole'ee dhaqee haga lafa koobittii Bet'eliititti deema. Bet'elii ka'ee gara Luzii dhaqee, addee Arkaawoti le'anu Ataaroot-Adaaritti dabara. Achiin duuba gara aduun seentuun lafa Yaaflexootaatitti goree, cinaa Bet-horoonii jalaatiin dabaree, gara Gezerii dabaree Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata.

Sanyiin Yoseefii, gosi Efreemiitii fi Minaase'ee lafa ifii fudhatane.

Latti gosi Efreemii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane tana: meessaan isaanii gara aduun baatu Ataarot-Adaar irraa haga Bet-Horoonii gaara irraa deemee, haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa ti. Gara kaabaatiin meessaan isaanii Mikmaata'a. Achille'ee gara aduun baatuun Taanaat-Shiilo'otti deebi'ee, gara aduun baatu Yaano'atti dabara. Achiin duuba Yaano'aa irraa gara Ataarotii fi Na'aaratitti gad deemee, Yerikoo geyee Yordaanositti dhaabbata. Taafu'aa irraa ka'ee gara aduun seentuun laga Qaanaa dhaqee, Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata. Latti gosa Efreemiitiif akka maatii maatii isaaniititti kennante tana. Tunille qachootaa fi olloota lafa gosa Minaase'ee keessaa, ta gosa Efreemiitiif kennante dabalatti. Worri Efreemotaa ammoo worra Kana'aanotaa ka Gezer keessa le'anu achii ari'iisa hin dandeenne; tanaaf worri Kana'aanotaa haga adhaalle odduu isaanii le'aa akka garbootaa akka isaaniif hujanu hunnaan tolfamane.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.