Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Yoonaasii Raagichaa 3

Yoonaas Mootii Waan Maraatiif Ajajame

Jechi Mootii Waan Maraa yennaa lammeesso'oo gara Yoonaasii dhufee, «Ka'ii, gara Nanawwee qachaa guddichaa dhaqiitii ergaa ani si'itti himu kolba'aaf lallabi» jedheen Maarre Yoonaas jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamee, Nanawwee dhaqe. Qachaan Nanawwe'ee guddaa waan te'eef, maddii tokko irraa ka'anee gara maddii taanii geyiisaaf deensa guyyaa sadii fudhata. Yoonaas qachaa keessa seenee, deensa guyyaa tokkoo deemeen duuba, «Nanawween guyyaa afurtamatti baddi» jedhee lallabe.

Kolbaan Nanawwe'ee Waaqatti dhugeeffatte. Isaan cubbuu irraa akka deebi'ane mudhisiisaaf, nami marti guddaan, diqqaan akka laamuuf lassanee, woyaa gaddaa uffatane.

Mootichi qachaa Nanawwe'ee oduu tana yennaa dhage'e, barcumaa ulfinna ifii irraa ka'ee, woyaa ifii ifi irraa baasee, woyaa gaddaa uffatee daadhaa irra tee'e. Achiin duuba mootichi gara kolbaa Nanawwe'ee lassii erge; lassiin baate sun mootichaa fi qondaaltota isaa biraa akka ajajametti: «Eennulle woy afaaniin hin qabin; horiin, hooleelle marra hin dheedin; bisaanille hin unin. Nami martii fi horiin gadda uffatanuu ti. Nami duudiin jabeessee gara Waaqa daadimataa, karaa hammeenna ifii lakkisee hujii hantuu ifii irralle'ee deebi'uu ti. Eentu beeka? Takki Waaqi nuu nayee, aarii hantuu ifii nu irraa caffatee, nulle hin bannu fa'a teeti» ta jettu.

Waaqi waan isaan godhanee fi karaa hamaa ifii irraa akka isaan deebi'ane yennaa dhagge, isaaniif nayee, badii isaan irratti geessisiisaaf yaade hin geessine.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.