Yoonaasii Raagichaa
Jonah
Introduction from this edition
Kitaaba Yoonaasii Raagichaa
Seensa
Raagi Yoonaasii, kitaaba dabarsi'ii ka raagicha ajaja Waaqaa muummessuu dhabe tokko irratti, rakkoo jadduu dhaqqaddu ka himu waan te'eef, kitaabota raagaa ka dhibii irraa adda ka te'e. Waaqi Yoonaasiin, «Gara qachaa guddaa nyaapha hamaa kolbaa Israa'elii te'e, gara mootii guddaa mootummaa Asiriya'aa biyya Nanawwe'ee dhaqi» jedhee ajaje. Yoonaas ammoo, «Waaqi qachaa san balleessiisaaf ifi eeggachiisa jabaa kenne hujii irra hin oolchu» jedhee waan hedeef, ergaa Waaqaa gara biyya Nanawwe'ee fuudhee geessuu hin feene. Wonni hedduun adda addaa teeteen duuba jaalatuu dhabulle ajajame; raagi badi'iille adoo hin muummowin waan hafeef mufate. Kitaab kun Waaqi dada duudii irratti baallii akka qabu hubachiisa. Waaqi irra caalaa, Waaqa jaalalaatii fi mararti'ii te'uu isaatiin nyaapha kolbaa ifii adabu'uu fi balleessuu irra akka isaaniif araaramuu fi fayyisuu barbaadu hubachiisa.
Haadhoo Dubbi'ii
Waamamiisaa fi ajajama dhabuu Yoonaasii
Cubbuu irraa deebi'iisaa fi bayiisa Yoonaasii
Erga Yoonaas Nanawwee irratti dubbate
Waaqi kolbaa qachaa Nanawwe'eetiif marare
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.