Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Ibroota 5

Hayyichi guddaan mara namoota keessaa filamee, haajaa Waaqa woliin woldeessisu irratti addee kolba'aa bu'ee kennansaa fi woreega cubbu'uu dhikeessiisaaf muudama. Inni ifiifuu dadhabbii akkasii waan qabuuf, worra wollaala'aa fi worra karaa irraa bade gadhi-laafumma'aan ilaaliisaaf hin dande'a. Inninuu dadhabbii waan qabuuf, akkuma cubbuu kolba'aatiif dhikeessu, cubbuu ifiitille'eef woreega dhikeessuu qaba. Akkuma Aaronii ka Waaqaan waamame malee, eennulle ulfinna kana ifiin hin fudhatu. Akkasuma Kiristoos ulfinna Hayyicha Guddaa te'iisaa ifiin hin fudhanne; ammoo Waaqa isaan,

«Ati Ilma kiyya,

ani adha si uumadheera!» jedhettuu ulfinna kana kenneef.

Addee dhibiille'etti,

«Akkuma hayyummaa,

Malkiisedeqii,

ati haga bara baraa hayyu'u» hin jedha.

Yesuus biyya lafaa tana irra yennaa le'e, iyyansa gudda'aa fi imimmaaniin, daadimanna'aa fi gaaffii gara Waaqa du'a irraa isa fayyisiisaaf dande'uu dhikeesse; ifi gadi qabee waan ajajameef Waaqi daadimannaa isaa dhage'eef. Ilma Waaqaa te'ulle, rakkinna fudhateen ajajamiisa barate. Guutuu te'een duuba worra isaaf ajajamu maraaf madda fayyinna bara baraa te'e. Waaqi akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa godhee isa muude.

Akka Dhugeeffannaa Hin Lakkinne Ifi Eeggachiisa

Marroo waan kanaa waan jennu waan hedduu qanna; ammoo hubatiisaaf waan rinciccanuuf1, ifa tolchanee himuun rakkisa'a. Yennaa kana barsiisota te'uu maltane; amma ammoo jecha Waaqaa barumsa jalqabaa nami biraa ammalle akka isin barsiisu barbaachisa; silaa sagalee jaddu'utti isinii male; ammoo ammalle aananitti isiniif barbaachisa. Nami aananiin jiraatu annuu waan te'eef, barsiisa dansa'aa fi hamaa gargar baasiisaa hin baranne.2 Sagaleen jadduun ammoo worra gugurdaa, worra dansa'aa fi hamaa gargar baasiisa barateeruuf barbaachitti.

Source notes (2)
  1. Footnote Waan rinciccanuuf: Waan hubantii diqqoo qaddanuuf
  2. Cross-reference 1 Qor. 3:2

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.