Skip to content
BibleKenya

Ibroota

Hebrews

Introduction from this edition

Ergaa Gara Ibrootaa Ergante

Seensa

Ergaan tun gara kiristaanota morimiin guddoon waan dhaqqaddeef dhugeeffannaa ifii lakkisiisa geyaneeranuu barreeffante. Barreessaan Yesuus Kiristoos mudhii Waaqaa dhugitti'ii fi ta muumme'ee akka te'e mudhisiisaan, akka dhugeeffattooti Ibrootaa dhugeeffannaa ifiitiin jabaattu jajjabeessa; tana godhiisaan dhugaa sad ifa baasee mudhisa:

1. Karaa rakkinna fudhateetiin ka Abba'aaf dhugumaan ajajame Yesuus Ilma Waaqaa ka bara baraan jiraatu; Ilma Waaqaa waan te'eef raagota Gondooroo Qaraatiif, ergantoota Waaqaatii fi Muuse'eefuu ol aana'a.

2. Yesuus ol aanaa hayyoota Gondooroo Qaraa, hayyicha bara baraa akka te'e Waaqinuu dubbateera.

3. Dhugeeffataan karaa Yesuusiitiin cubbuu irraa, sodaa irraa fi du'a irraa fayya; Yesuus Hayyicha Guddaa akkuma te'ettuu fayyinni aadota dhugeeffanna'aa fi woreega hori'ii, ka dhugeeffannaa Ibrootaa keessatti akka gaaddiddu'uu ilaalamaa ture, dhugaamessa akka te'u godheera.

Barreessaan dhugeeffannaa worra dabarsii Israa'elii keessatti gurra qabuu foora 11 akka fakkeennaa itti fayyaddamiisaan worri dubbifatu dhugeeffannaa ifiitiin akka jabaatu yaadachiisa; akkasuma foora 12 irratti worri dubbifatu Yesuus irratti xiyyeeffatiisaan dhugeeffannaa ifiitiin akka jabaatuu fi rakkinnii fi farri te'e maraayyuu gewulle akka ossatu gorsa; muummee irratti jecha gorsaatii fi ifi eegganno'oo kenniisaan muummessa.

Haadhoo Dubbi'ii

Seensa: Waaqi Kiristoosiin mudhate

Kiristoos ergantoota Waaqaa caala

Kiristoos Muuse'ee fi Iyaasuu caala

Caaliisa hayyummaa Kiristoosii

Caaliisa gondooroo Kiristoosii

Caaliisa woreega te'iisa Kiristoosii

Guddoo te'iisa dhugeeffanna'aa

Waaqa gammachiisuu

Daadimata muummeffataa

Yaada buufataa

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.