Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Worra Galaatiya'aa 6

Ba'aa Wolii Ba'adha'a

Obboleeyyan tiyya, yoo nami tokko cubbu'uun qabame, isin worri ayyaantoleen qajeelumma'aan isa qajeelcha'a! Ammoo isinille akka hin ataabanne ifi eeggadha'a. Ba'aa wolii ba'adha'a! Akkasiin Seera Kiristoosii muummessitan. Nami woy hin baane tokko, nama woy bawu yoo ifi seye, ifi gowwoonsa. Nami maraa hujii ifii qoree ilaaluu ti! Achiin duuba worra dhibii woliin wol bira qabee ifi ilaaliisaan adoo hin te'in, ifumaaf waan ittiin ifi jaju hin dhaggata. Nami maraa ba'aa ifii ba'atuu qaba.

Nami Jecha Waaqaa baratu, barsiisaa ifii woliin waan dansaa mara qoodamuu ti!

Ifi hin sobina'a! Waaqatti funnaan hin dhaabanu. Nami waanuma facaase haammata. Nami akka fedha foon ifii facaasu, fedha foon ifii irraa du'a haammata; nami akka fedha Ayyaanaa facaasu, Ayyaana irraa jiruu bara baraa haammata. Yoo addii kutatuu dhanne, yennaan haamma'aa yennaa geette, waan wolitti qabannuuf, hujii dansaa hujiisa me dadhannuu ti. Maarre yennaa daguu dhagganne maratti, nama maraaf, keessattuu worra dhugeeffannaa keessa jiruuf, waan dansaa goonuu ti.

Gorsaa Fi Nageya Muummeffataa

Qubee gugurdoo attamiitiin akka ani harka kiyyaan isiniif barreessiisatti jiru ilaala'a! Worri waan nafa namaa irratti alaan mudhatu dhaggisiisuu barbaadu, akka isin haqanqabaa qabattanu hunnaan isin godha. Marroo fannoo Kiristoosiitiif, akka miidhaan isaan hin geenne qofaaf tana godhan. Isaan haqanqabaa qabatiisa keessaniin ifi jajiisaaf, haqanqabaa qabatiisa keessan barbaadan malee, worri haqanqabaa qabateeyyuu Seera hin eegatu. Fannoo Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii, ta biyyi lafaa ana irraa ittiin fannifante, ka anille biyya lafaa jalaa ittiin fannifameen malee, waan biraatiin ifi jajuun ijjumaa naaf hin te'in. Dada haareya te'iisa malee, haqanqabaa qabatiisii, yookiin haqanqabaa qabatiisa dhabiisi womaayyuu moti. Worra seera kana hordofu maraa fi Israa'elii worra Waaqaa teeteef, nageyaa fi marartiin teetu.

Gadaannis ani nafa kiyya irratti qabu, garbicha Yesuusii te'uu kiyya waan mudhisuuf, haganaa achi namuu na hin rakkisin. Obboleeyyan tiyya, badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu. Ameen.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.