Worra Galaatiya'aa
Galatians
Introduction from this edition
Ergaa Phawuloos
Gara Worra Galaatiya'aa Erge
Seensa
Jechi Oduu Gammadaa ka marroo fayyisaa te'uu Yesuusii dubbatu, addee maratti lallabamaa, worri Yihudoota hin te'in akkuma fudhataa deemaneen, «Kiristaana te'iisaaf Seera Muuse'ee muummessiis barbaachisa'a moo barbaachisa'aa moti?» gaaffiin jettulle kaate. Asiyaa diqqaa keessa, Galaatiyaa bulchiinsa Rooma'aa keessa jiru keessa, wolde'oota kiristaanaa jiru oddu'utti, «Nami Waaqa duratti balchoomiisaaf Yesuus calla'atti dhugeeffatiisa adoo hin te'in, Seera karaa Muuse'eetiin kenname muummessuu qaba» jedhaa, worri Phawuloosiin mormu jiraayyu.
Phawuloos ergaa Galaatiya'aa tana, worra barsiisa kanaan raafamiisatti jiru, gara dhugeeffannaa sirrii teeteetii fi jiruu kiristaanumma'aa qajeelchiisaaf barreesse. Phawuloos ergamaa Yesuus Kiristoosii te'uu ifii mirkaneessiisaan jalqaba. Ergamaa akka te'uuf ka isa waame Waaqa malee nama akka hin te'inii fi ergaan isaalle gara worra Yihudoota hin te'inii akka te'e tokko-lama'aan dubbata. Foorota dhumaa keessatti, jiruun kiristaanumma'aa, jaalala Yesuusitti dhugeeffatiisa irraa maddu akka te'e mudhisa.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa
Baallii Phawuloosii ta ergamumma'aa
Oduu Gammadaa ta badhaadha Waaqaa
Bilisumma'aa fi itti gaafatamummaa kiristaanaa
Yaada buufataa
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.