Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Asteerii 10
Mordekaayi Ulfinna Guddaa Dhaggate
Mootichi Ahashiweros lafa mootummaan isaa geette maraa fi oddoolota mootummaa isaa jala jiranu mara irratti gibira buuse. Wonni guddoon inni hunnaa fi jabeenna ifiitiin huje martinuu, mootichi attamiin akka Mordekaayi nama beekkamaa godhelle, kitaaba dabarsii mootota Medooniitii fi Faaresii keessatti barreeffanteerti. Mordekaayiin Yihudichi itti aanaa mooticha Ahashiwerosii ti; Yihudoota odduulle'etti nama ulfaata'aa fi nama jaalatama'a. Inni kolbaa ifiitiif waan dansaa waan hujee fi nageya sanyii isaanii maraaf waan dubbateef, Yihudoota hedduu oddu'utti nama ulfinna guddaa qabu.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.