Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Worra Efesoonii 6

Ijoolle'ee Fi Worra Isaanii

Ijoolle! Waan barbaachisaa te'eef, abbooti'ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama'a. «Abba'aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante: «Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha.

Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta'aatiin guddisa'a malee, akka aartu hin godhina'a.

Goottotaa Fi Garboota

Garboota! Isin akkuma Kiristoosiif ajajantanu, gadhaa tokkochaan, soda'aa fi rommiisaan goottota teessan ta biyya lafaatiif ajajama'a. Isaan gammachiisuu qofaaf, ila isaanii dura calla'atti adoo hin te'in, akka garbicha Kiristoosiititti, gadhaa tokkoon fedhii Waaqaa muummessa'a. Akkasuma nama adoo hin te'in, akka Goottaa tajaajiltanutti, gammadaan tajaajila'a. Garbichalle te'ee yookiin ka garbicha hin te'in, hujii dansaa hujeef, Goottaa biraa gatii akka fudhatu hin beettan. Isinille goottole'e! Goottaan keessanii fi garboota teessanii ka nama wol hin caalchinne, akka ol-gubbaa jiru waan beettanuuf, sossodaachisiisa lakkisa'aatii, garboota teessaniif dansaa godha'a.

Meya Woraanaa Ka Waaqaa

Yoona, Gootta'aa fi hunna isaa jaddu'uun jabaadha'a. Maltummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeettanu, meya woraanaa ka Waaqaa duudii hidhadha'a.

Wodhaantoon teenna ilmaan namaatiin mormiisa adoo hin te'in, bulchitoota, worra baallii qabanuu fi hunna biyya lafaa ta dukkanaa tana ka te'ane, irree ayyaana hamaalessa ol-gubba'aatiin mormiisa. Maarre guyyaa hamaa san, hunna diinaa adhatiisa akka dandeettanuuf, waan mara muummessitanee1, jabaattanee dhaabbatiisa akka dandeettanu, meya Waaqaa ka woraanaa mara hidhadha'a.

Tanaaf, dhugaa akka hiitu'uu hidha keessanitti hidhadha'aatii, balchummaa akka qomoo sibiilaa keyadha'aa dhaabbadha'a. Wongeela nageyaalle akka Kophe'ee miilatti keyadha'aatii qophowa'aa dhaabbadha'a. Kana mara woliin, daayota hamaalessaa ka bobe'u mara, dhugeeffannaa ittiin dhaanfuu dandeettanu, akka wonte'ee qabadha'a. Fayyinna akka gullee sibiilaa keyadha'a; Jecha Waaqaa ka Ayyaanni Woyyichi isinii kennulle akka shallaaga'aa qabadha'a. Yennaa daadimattanuu fi gaafattanu mara Ayyaana Woyyichaan sooreffamaa daadimadha'a. Akkasiin kolbaa Waaqaa maraaf dammaqa'aatii jabaadha'aa daadimadha'a. Dhossaa Wongeelaa sodaa malee beessisiisaaf, yennaa ani dubbatiisaaf qophowe, Waaqi akka jecha naaf kennu analle'eef daadimadha'a. Ani amma wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiraadhulle, ergamaa Wongeela kanaa ti. Tanaaf akka dubbatu'uuf maletti, marroo Wongeelaa sodaa malee akka ani dubbadhu daadimadha'a.

Muummee Irratti Nageya Dhaame

Obboleessi keenna Xikiqoosiin jaalatama'aa fi tajaajila hujii Gootta'aatiin addatamaan, waan ani hujiisatti jiruu fi attam akka ani jiru akka beettanu, waan mara isinitti hin hima.2 Nuuti martinuu attam akka jirru akka beettanuu fi akka isin jajjabeessuuf, isa gara keessan erga.

Waaqa Abbbaa biraa, Goottaa Yesuus Kiristoos biralle'ee, nageennii fi jaalalli dhugeeffannaa woliin kiristaanota3 maraaf te'uu ti. Badhaadhi Waaqaa worra Goottaa keenna Yesuus Kiristoos jaalala hin banneen jaalatu maraaf te'uu ti.

Source notes (3)
  1. Footnote Waan mara muummessitanee: Haga muumme'ee loltanee
  2. Cross-reference HuE. 20:4; 2 Xim. 4:12
  3. Footnote Kiristaanota: Obboleeyyan

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.