Worra Efesoonii
Ephesians
Introduction from this edition
Ergaa Phawuloos
Gara Worra Efesoonii Erge
Seensa
Ergaan Phawuloos worra Efesooniitiif barreesse waan maraan dura ka itti xiyyeeffattu, «Karoorri Waaqaa dadi ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu maraayyuu addee takka'atti baallii Kiristoosii tokkochaa jala akka teetu godhiisa» yaada jedhu (1:10). Itti dabaliisaan karaa Yesuus Kiristoosiitiin, sanyiin namaa mara tokko akka teetu, karoora Waaqaa guddaa kana hujii irra akka oolchanu, kolbaa Waaqaa ta yaadachiittu.
Ergaan gara worra Efesoonii kutaa jalqabaa keessatti, barreessaan marroo tokkummaa mata duree jalqabe badhisiisaan Waaqi Abbaan kolbaa ifii attam akka filate, Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin cubbuu isaaniitiif araara dhaggatanee, attam akka bilisa te'anee fi, dubbiin Waaqaa ta addii guddo'oo, karaa Ayyaana Woyyichaatiin attamiin akka mirkanootte dubbatti; kutaa lammeesso'oo keessatti, barreessaan worri ergaa tana dubbifatu jireenna woliin qabanu keessatti, Kiristoosiin te'anee tokkummaan isaan qabanu dhugaamettii akka teetu, attam le'iisa akka isaan barbaachisu, isaan yaadachiisa.
Namooti tokkummaa karaa Kiristoosiitiin qabanuun attam godhanee tokkumma'aan le'iisa akka dande'anu, haala dubbii adda addaatiin mudhifameera; wolde'i kiristaanaa akka nafaa yennaa te'u, Kiristoos akka mataa nafaa ti; wolde'i kiristaanaa akka ijaarsa dhaka'aan ijaaramu yennaa te'u, Kiristoos akka dhakaa roga qaccee ijaarsaa ti; wolde'i kiristaanaa akka niiti'ii yennaa te'u, Kiristoos akka dhirsaa ti; barreessaan ergaa tanaa, marroo badhaadha Waaqaa ka karaa Kiristoosiitiin mudhatee, guddisee maadeffataa yennaa dubbatu, gad fageessee issiisaan dhikeessa; waan maraayyuu karaa jaalala Kiristoosiitiin, karaa woreegamaatiin, karaa araaraatiin, karaa badhaadhaa fi qulqullinnaatiin ilaala.
Haadhoo Dubbi'ii
Itti seensa
Kiristoosii fi wolde'a kiristaanaa
Kiristoosiin jiruu haareya
Yaada buufataa
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.