Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

1 Ximootewoos 2

Waaqonfannaa Wolde'a Kiristaanaa

Amma waan duudi'iin dura, iyyannoon, daadimannaan, worra dhibi'iif daadimatu'uu fi galata dhikeessuun Waaqa duratti nama duudi'iif akka godhamuuf gorsa. Nageyaa fi sarmiisaan1, Waaqa soda'aa fi adaba dansa'aan akka leenu, moototaa fi worra baallii ol aantuu qabu duudi'iif daadimadha'a. Daadimati akkasii Waaqa fayyisaa keenna duratti dansa'aa fi ka fudhatama qabu. Inni nami duudiin akka fayyuu fi dhugaa akka beeku barbaada. Waaqi tokkocha; wodhakkaa jiraatee Waaqaa fi nama ka wolitti araarsu tokkocha; inni nama te'ee ka mudhate Yesuus Kiristoos. Ka sanyii namaa duudii wodiisaaf mataa ifii dabarsee kenne isa; isiin tunille yennaa itti te'uu maltetti mirkanootte. Maarre anille sababa kanaaf dhugeeffanna'aa fi dhugaa lallabiisaaf ergama'aa fi barsiisaa te'ee, gara worra Yihudoota hin te'inii ergame. Ani dhugaa dubbatiisatti jira malee hin sobu.

Worri dhiiraa addee maratti aari'ii fi moromaa malee, yaada qullu'uun harka isaanii ka woyyoome ol kaasanee akka daadimatanu barbaada. Dubartootille mataa shoobaa dhowattee, yookiin worqi'iin yookiin dooqaan seefatiisa, yookiin woyaa gatii guddo'oo uffatiisa adoo hin te'in, ifi qabattee woyaa isi'iif malte akka uffattu barbaada.2 Dubartooti Waaqa waaqonfanna jettu akka godhuu maltetti hujii dansa'aan ifi seefattuuti. Dubartiin cadheessaa fi ajajamaan barattuu ti. Isiin akka barsiittu yookiin dhiira irratti baallii akka qabaattu ani hin eeyyamu; isiin cadhisuu qaddi. Sababille Addaam matooma dadamee, Heewwan ammoo achiin duuba dadante. Ka sobamelle Addaamii moti; sobantee seera Waaqaa ta cassite dubartitti'i. Teetuu malee dubartiin dhugeeffanna'aa fi jaalalaan, woyyumma'aan ifi qabattee yoo jabaatte ilmee deyiisaan hin fayyiti.

Source notes (2)
  1. Footnote Sarmiisaan: Sirnyaan
  2. Cross-reference 1 Phex. 3:3

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.