1 Ximootewoos
1 Timothy
Introduction from this edition
Ergaa Phawuloos
Gara Ximootewoosii Erge
Ta Qaraa
Seensa
Dargaggeessi Kiristaanichi ka Ximootewoos jedhamu, dhalootaan nama Asiyaa diqqa'aa ti; haati isaa nama gosa Yihudi'ii yoo teetu, abbaan isaa ammoo nama gosa Giriikiiti. Inni hujii ergaa Oduu gammadaatiin waa'elaa fi qarqaaraa Phawuloosii te'eera. Ergaan Phawuloos Ximootewoosiif barreesse ta qaraa, yaada gugurdaa sad irratti xiyyeeffatti. Waan duudi'iin qara ergaan isaa tun barsiisa dharaa ka wolde'a kiristaanaa keessatti ka'e irraa ta ifi eeggachiittu. Barsiisi haarenni kun gamis yaada Yihudootaa, kuun yaada worra Yihudoota hin te'inii yoo te'u, «Biyyi lafaa cubbu'uun ta badde waan teeteef, fayyinni ka dhaggamu beekkumsa dhossa'aa ka adda te'een, sagalee gari'ii fi fuudhaa heeruma irraa ifi eegu'uun» yaada jedhu irratti ka hundayeeru. Ammalle ergaan tun marroo bulchiinsaa fi qajeelcha sirna waaqonfata wolde'a kiristaanaa, akkasuma adaba sooreyyi'ii fi qarqaartoleen wolde'a kiristaanaa qabaatiisaaf maltelle ta qaddu. Muummee irratti Ximootewoos tajaajilaa dansaa Yesuus Kiristoosii attam akka te'uu dande'uu fi wolde'a adda addaa irratti baallii qabu irratti gorsa isaa kenne dhaggina.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa
Qajeelcha wolde'a Kiristaanaatii fi tajaajiltootaaf kenname
Qajeelcha marroo hujii Ximootewoosiitiif kenname
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.