Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaruu Solomoonii 6

Dubartooti Jaaloti Waajibitti'ii

Ati ta dubartoota caalaa dansittii teete!

Jaalalleen keeti eessa dhaqe?

Akka si woliin barbaannu,

karaa kam gore?

Waajibittii

Jaalalleen kiyya horii tiffatiisaaf,

daraaraalle guuratiisaaf,

gara oorruu uddowaa ifii gad dhaqeera.

Ani ta jaalallee kiyyaa ti; innille kiyya;

inni odduu daraara'aa horii tissa.

Faaruu Shaneesso'oo

Waajibichi

Ee, jaalallee tiyya,

ati akka qachaa Tiiza'aa miidhadda;

akka qachaa Yerusaalemii tolta;

akka loltoota baandiraa qabatanee deemanuu

arnya qadda.

Ilti teeti waan na boojiteef,

na irraa deebifadhu!

Rifeensi mataa keetii re'oota

gaara Giil'aadii irraa gad yaatu fakkaata.

Ilkaan keeti akka hoolota adii

dhiqamanee bisaan keessaa bayanuu addaata;

hooloti tun martinuu lakkuu dhalti malee

isaan keessa maseenti hin jirtu.

Mallaan teeti lamaan

shaashii ati hagooggattu keessaa,

midhaan rumaanii ka gargar baqaqe fakkaatti.

Giittoti jaatamaa fi gursumeeyyiin saddeettami,

durri laakkossi isaanii haga hin qanne,

jiraachuu dande'an.

Saphaliisi tiyya

ta anaaf dhidhinna hin qanne isii qofa;

isiin haadha ifiitiif takkatti'i;

ta isii deette isii jaalatti.

Ijoolleen durraa isii dhagganee

«Ati ta leellifante» jedhaneen;

giittotii fi gursumeeyyiille isii leellisane.

Dubartooti Jaaloti Waajibitti'ii

Ta akka boruu dayya'uu mudhattu,

ta akka ji'aa miidhaddu,

ta akka adu'uu issitu,

ta akka loltoota baandiraa qabatanuu

arnya qaddu tun eennu?

Waajibichi

Ani muki woyni'ii akka quunxe,

muki rumaaniille akka guntute ilaaliisaaf,

gara dhooqa oorruu muka, «Almond» jedhamuu

gad dhaqe.

Adoo ani hin beekin halchaan tiyya na buttee,

garreettaa fardaan harkifamu

ka qondaaltota kolbaa tiyyaa keessa na keette.

Dubartooti Jaaloti Waajibitti'ii

Ee, Shulaamitti'i! Deebi'i, deebi'i!

Akka nuuti si ilaalluuf, deebi'i, deebi'i!

Waajibichi

Akka nama sirba darabaa lamaa ilaaluu,

Shulaamittii tana isin maaf ilaaltan?

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.