Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 95

Faaruu Leellisaa

Kowa'a, Mootii Waan Maraatiif,

ilillisaa faarfannaa!

Rassaa nu baasu iyyinee leellifannaa!

Galataan fuula isaa dura dhikaannuu ti;

faaruu leellisaatiin ilillinnuu ti.

Mootiin Waan Maraa Waaqa gudda'a;

waaqota mara irratti mooti'i.

Qileen lafa jalaa harka isaa keessa jirti;

qacceen gaaraalle tama isaa ti.

Inni waan isii dadeef,

abbaayaan ta isaa ti;

lafa godduulle harkuma isaatitti dade.

Kowa'a, gad jennee isa waaqonfannaa!

Mootii Waan Maraa

ka nu dade duratti jilbiiffannaa!

Inni Waaqa keenna waan te'eef,

nuuti kolbaa inni bobbaasu,

hoolota inni tissu.

Adha qoonqoo isaa yoo dhageettane,

«Akkuma abbootiin teessan ta durii goomolee

Mariiba'aatii fi Maasa'aa keessatti goote,

isin mataa jabeeyyii hin te'ina'a.

Abbootiin teessan ta durii achitti,

waan ani isaanii godhe adoo dhagganeeranu

haga na ilaalanee, na aarsane.

Ani dhaloota san woggaa afurtama diqadhee,

‹Isaan worra karaa irraa goreeru;

karaa kiyyalle hin beenne› jedhe.

Ani tanaaf aaree,

‹Isaan ijjumaa biyya fooraa tiyyatti hin galanu› jedhee kakadhe» jedhe.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.