Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Faaru'uu 87
Leellisa Yerusaalemiif Dhikaate
Faaruu ilmaan Qoraahii.
Mootiin Waan Maraa hundee qachaa ifii
gaarota woyyoota irratti dhaabe;
Addee Yaaqoob le'u mara caalaa,
Mootiin Waan Maraa
seensuma karra Xiyoonii jaalata;
Ee qachaa Waaqaa,
wonni maade'ee marroo teetiif dubbatanti;
Waaqi, «Ani worra na beeku oddu'utti
Gibxi'ii fi Baabilon hin galmeessa;
worri Filisxeemotaa, worri Xiiroosiitii fi Itoophiya'aalle1
worra achitti dhalate» jedha.
Marroo Xiyoonii, «Dhugumaan, Waaqi Ol Aanaan
waan isii jabeessuuf,
kolbaan tunii fi sunille,
as isii keessatti dhalatte» hin jedhama.
Mootiin Waan Maraa
yennaa gosa biyya adda addaa galmeessu,
«Worri kun achitti dhalatane» jedhee hin barreessa.
Worri faarsuu fi worri sirbu,
«Maddi keenna martinuu
Xiyoon keessa jira» hin jedhan.
Source notes (1)
- Footnote Itoophiyaa: Afaan Ibrootaatiin Kuushi jedha.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.