Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 85

Daadimata Nageya Biyyaatiif Dhikaate

Faaruu ilmaan Qoraahii, Sooressa faarfattootaatiif.

Ee Mootii Waan Maraa

ati lafa teeti mararteerta;

sanyii Yaaqoobiitiif

milkii adde'etti deebitteerta.

Ati yakkaa kolbaa teetii araaranteerta;

cubbuu isaaniille mara golliteerta.

Mufii teeti lakkitteerta;

aarii teeti ta bobeettu irraa deebiteerta.

Ee Waaqa fayyisaa keenna,

adde'etti nu deebisi;

nutti mufatiisa lakkisi.

Ati haga bara baraa nutti aartaa ree?

Aarii teeti dhaloota irraa

gara dhalootaatitti dabarsitaa ree?

Kolbaan teeti akka sitti guddoo gammadu,

deebittee nu hin jiraachittuu ree?

Ee Mootii Waan Maraa

jaalala keeti ka bara baraa nutti mudhisi;

fayyisiisa keeti nuu kenni.

Ani waan Waaqi Mootiin Waan Maraa dubbatu

hin caqasa;

kolbaan isaa, worri isaaf addatame,

gara gowwumma'aatitti hin deebi'in malee,

Mootiin Waan Maraa

nageya isaaniif waadaa gala.

Ulfinni isaa

lafa teenna keessa akka jiraatu,

dhugumaan fayyisiisi isaa

worra isa sodaatuuf dhikoo jira.

Jaalalli fi addatamummaan wol dhaggan;

balchumma'aa fi nageenni wol sunqatan.

Addatamummaan lafa keessaa latti;

balchummaan ol-gubbaa irraa gad ilaalti.

Mootiin Waan Maraa

waan dansaa hin kenna;

latti teennalle midhaan hin baatti.

Balchummaan dura isaa deenti;

tarkaaffii isaatiif daandii qopheessiti.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.