Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 70

Diinota jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka Waaqi isa qaabatuuf faarfatante.

Ee Waaqa na baasi;

Mootii Waan Maraa kiyya na qarqaariisaaf ariifadhu.

Worri na ijjeesiisaaf barbaadu,

fokkifatee jaanjuruu ti;

worri na miidhiisaaf halchu,

salphatee gara duubaa deebi'uu ti.

Worri, «Baga, baga!» naan jedhu,

fokkifatee gara duubaa deebi'uu ti.

Worri si barbaadu marti ammoo,

si'iin gammadee firinxiixuu ti.

Worri fayyisiisa keeti jaalatu marti,

yennaa mara, «Waaqi gudda'a» jedhuu ti.

Ani rakkataa hiyyeessa;

Ee Waaqa, ariifadhuu gara kiyya koy;

Ee Mootii Waan Maraa kiyya

ati qarqaara'aa fi fayyisaa kiyya

na irraa hin turin.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.