Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 58

Waaqi Akka Nama Hamaa Adabuuf Daadimata Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti faarfatante.

Isin bulchitoota,

isin dhugumaan

waan sirrii te'e hin dubbattanii ree?

Isin kolba'atti haqa hin murtanii ree?

Waawwo'o! Isin gadhaa keessan keessatti

waan haqa hin te'in mala dhoottan;

lafa irratti hunnaan namatti kaatan.

Worri hamaaleyyiin

gadaamessa haadha ifiitii jalqabanee,

karaa irraa goraneeran;

haga dhalatanee jalqabanee,

karaa fedha ifii deemaa dhara dubbatan.

Isaan akka dhudhuufa'aa hadhaa qaban;

isaan akka buutii gurra duuddu'uu,

ta qoonqoo worra qorsaan muusessuu,

yookiin dubbii worra qaroolee xanoo hujuulle hin dhageennee ti.

Ee Waaqa,

ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccassi;

Ee Mootii Waan Maraa,

worra akka dardaroota neenqaa qadhiffaa qabu,

qadhiffaa isaanii butuchii keessaa harcaasi.

Akka bisaan lola'ee dabaruu badanuu ti;

yennaa isaan guubee qopheeffatanu,

daayi isaanii tutuma te'uu ti.

Isaan akka calanqaa adoo ideemuu baquu te'anuu ti;

isaan akka finna du'ee dhalatee,

ka ijjumaa ifa hin dhagginii te'anuu ti.

Isaan akka haasumee jiituu

yookiin godduu adoo hin bobe'in,

adoo okkotee hin o'isiniin dura

qilleensaan haxowantuu ti.

Worri balchaan

Waaqi haluu isaaniif bayuun yennaa dhagganu,

gammadaan firinxiixan;

miila ifii dhiiga worra hamaaleyyi'iitiin dhiqatan.

Yennaa san namooti,

«Dhugumaan worri balchaan

gatii hin dhaggatan;

dhugumaan Waaqi biyya lafaatitti muru

hin jira» hin jedhan.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.