Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 54

Harka Diinaa Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate

Wolaloo Daawitii, sooressa faarfattootaatiif, ta yennaa worri Ziifii gara Saa'olii dhaqee, «Daawiti nu biratti dhokateera» jedhee isatti hime ta meya ribu'uutiin faarfatante.

Ee Waaqa, maqaa keetiin na baasi;

hunna teetiin dhugaa naaf muri.

Ee Waaqa, daadimata kiyya dhage'i;

dubbii afaan kiyyaa caqasi.

Namooti alagaan natti ka'an;

worri nama sodaachisu,

na ijjeesiisaaf barbaadan;

isaan marroo Waaqaa hin yaadanu.

Dhugumaan Waaqi qarqaarsa kiyya;

Goottaan irkuu jiruu tiyyaa ti.

Wonni hantuun

worra ila diinumma'aatiin na ilaalutti deebituu ti;

ati addatamummaa teetiin isaan fixi.

Ani fedhuma tiyyaan ciincaa sii dhikeessa;

Ee Mootii Waan Maraa,

maqaan keeti dansaa waan te'eef,

ani isa hin leellisa.

Ati rakkinna mara keessaa waan na baatteef,

injifatamiisa diinota kiyyaa dhaggeera.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.