Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Faaru'uu 43
Daadimata Nama Booji'amee
(Faaruu 42 irraa itti fufe)
Ee Waaqa, naaf muri;
worra si'itti hin dhugeeffanne duratti naaf falmi;
worra dharaameyyi'ii fi hamaaleyyii jalaa na baasi.
Ati Waaqa ani itti baqadhu;
ati maaf na lakkitte ree?
Ani diinota kiyyaan cunqurfamee
maaf bowaa ideema ree?
Ifa keetii fi dhugaa teeti ergi;
isaan na sooressaa gara kooba teeti woyyitti'ii
gara Galma ati keessa leetuu na fidanuu ti.
Achiin duuba ani gara addee ciinca'aa ta Waaqaa
gara Waaqa itti gammaduu hin dhaqa;
ee Waaqa, Waaqa kiyya,
ani kiraara kiyya guddichaan si leellisa.
Ee lubbuu tiyya maaf gaddita?
Na keessatti maaf jeeqanta?
Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf,
Waaqa keetitti addii godhadhu.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.