Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 36

Hammeenna Namaatii Fi Arjummaa Waaqaa

Faaruu Daawitii tajaajilaa Mootii Waan Maraa, sooressa faarfattootaatiif.

Cubbuun nama hamaa gadhaa ifii keessatti

hammeenna akka yaadatu gooti;

Inni ijjumaa Waaqa hin sodaatu.

Inni yakkaa ifii dhaggee akka hin jibbine,

ifumaan ifi sossoba.

Dubbiin afaan isaa hammeennaa fi

dharaan guutanteerti;

inni qarumma'aan hujiisaa fi

waan dansaa godhiisa lakkiseera.

Inni rifanoo irra adoo jiruu hantuu yaadata;

karaa hamaa ideema;

waan hantuu hin didatu.

Ee Mootii Waan Maraa,

jaalalli keeti ka bara baraa haga ol-gubba'aa,

addatamummaan teetille

haga duumensaa hin dhaqqaddi.

Ee Mootii Waan Maraa,

balchummaan teeti akka gaarota gugurda'aa ti;

muraan teeti akka gad fageenna abbaaya'aa ti;

ati namaa fi horii,

bineensalle hin eedda.

Ee Waaqa, jaalalli keeti ka bara baraa

attam attam ka gatii guddoo qabu!

Kolbaan marti gaaddisa koola keetii jalatti baqatti.

Isaan sagalee bacaa mana keetii nyaatan;

ati laga keeti gammachiisaa irraa

bisaan isaaniif kennita.

Ati madda jiru'uu ti;

nuuti ifa keetiin ifa dhaggina.

Worra si beekuuf, jaalalli keeti ka bara baraa,

worra gadhaa-qajeela'aatiif

balchummaan keeti irraa hin citin.

Miilli worra kooruu na hin dhiitin,

harki worra hamaaleyyi'ii na hin ari'in.

Worri hamaaleyyiin attam akka jigane ilaali;

isaan jiganeeran, ka'uu hin dande'anu.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.