Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 32

Cubbuu faaci'atiisaa Fi Araara

Wolaloo Daawitii.

Nami cubbuu isaatiif araarri kennameef,

ka yakkaan isaa lakkifanteef ka gammade.

Nami Mootiin Waan Maraa cubbuu itti hin laakkonne,

ka soba ifi keessaa hin qanne ka gammade.

Ani yennaa cubbuu tiyya faaci'atuu dhabe,

guyyaa guutuu aada.

Ati halkanii fi guyyaa na adadde;

akka waan o'i bonaa gossee,

hunni tiyya na keessaa godde.

Achiin duuba ani cubbuu tiyya sitti dhugaa baase;

yakkaa tiyyalle hin dhoffanne.

Ani «Cubbuu tiyya Mootii Waan Maraatitti dhugaa baasa» jedhe;

atille cubbuu tiyya naaf araarante.

Tanaaf, nami addatamaan marti

gara keeti daadimatuu ti.

Rakkinni akka lolaa jaba'aa yennaa dhufe,

isa hin dhaqqabu.

Ati addee ani itti dhokadhu;

ati rakkinna irraa na eedda.

Ati ililleettii worra bayiisa kiyyatti firinxiixuun na marsite.

Mootiin Waan Maraa,

«Ani karaa ati deemu'uu malte

si hubachiisee si barsiisa;

si gorsa; si toowadha.

Ati akka fardaa fi gaange'ee,

ka wo hin beennee hin te'in!

Bixaalaa fi lugaamaan ifitti yoo harkitte malee,

isaan sitti hin dhikaatanu» jedhe.

Farri worra cubbaaleyyi'ii heddu'u;

nama Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo

jaalalli isaa ka bara baraa isa hin marsa.

Isin balchooleen

Mootii Waan Maraatiin gammada'aa ilillisa'a!

Isin worri gadhaa qajeela'aa ilillisa'a.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.