Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 3

Daadimata Ganamaa

Faaruu Daawiti yennaa ilma ifii Abiishaalom duraa baqate faarse.

Ee Mootii Waan Maraa,

diinoti kiyya attam attam bacatan!

Kolbaan hedduun na irratti kaateerti.

Worri hedduun,

«Waaqi isa hin baasu» anaan jedhan.

Ee Mootii Waan Maraa,

ati ammoo adaala kiyyatti wontee tiyya;

ati ulfinna kiyya; ka mataa kiyyalle ol ol qabu si'i.

Ani qoonqoo ol qabadhee

gara Mootii Waan Maraa hin iyya;

innille gaara woyyicha ifii irraa naa hin dhage'a.

Ani irkadhee hin rafa; Mootiin Waan Maraa

waan na eeguuf,

deebi'ee hin dammaqa.

Ani loltoota kuma hedduu

ka na marsaneeranu

hin sodaadhu.

Ee Mootii Waan Maraa, ka'i!

Waaqa kiyya, koyii na baasi!

Boqoo diinota kiyyaa dhowi;

ilkaan isaaniille caccassi.

Qarqaarsi Mootii Waan Maraa biraa dhufa.

Ee Mootii Waan Maraa, eebbi keeti

kolbaa teeti irra jiraatuu ti.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.