Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 26

Daadimata Nama Komii hin qannee

Faaruu Daawitii.

Ani komii tokko malee,

sitti addadhee raafama malee waan le'eef,

Ee Mootii Waan Maraa, naaf muri.

Ee Mootii Waan Maraa,

na qorqori, hagalle na ilaali;

gadhaa kiyyaa fi qalbii tiyya qorqori.

Jaalalli keeti ka bara baraa

ila tiyya dura jira;

anille dhugaa teetiin hin ideema.

Ani sobaaleyyii woliin hin tee'u;

worra kijiboolee jaala hin godhadhu.

Ani yaa'ii worra hantuu hujuu hin jibba;

hamaaleyyii wolille'een hin tee'u.

Yakkaa akka hin qanne mudhisiisaaf,

harka dhiqadha;

Ee Mootii Waan Maraa,

addee ciinca'aa teeti cinaa mara.

Faaruu galataa guddisee faarfataa,

hujii maade'ee teeti hin odeessa.

Ee Mootii Waan Maraa, mana keeti addee ati leetu,

addee ulfinni keeti jiru, ani hin jaaladha.

Lubbuu tiyya cubbaaleyyii woliin,

jiruu tiyya worra dhiiga namaa dhangalaasu woliin

hin balleessin.

Harka worra akkasii keessa karoora hama'atti jira;

harka isaanii middicha keessa safu'utti1 guuteera.

Ani ammoo komii malee le'a;

na wodi; na mararfadhu.

Miilli kiyya lafa wol qixxee irra dhaabbateera;

gumii guddoo keessatti

ani Mootii Waan Maraa leellisa.

Source notes (1)
  1. Footnote Safuu: Yookiin malaamaltumma.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.