Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 148

Dadi Marti Waaqa Leellisanuu Ti

Mootii Waan Maraa leellisa'a!

Ol-gubbaa keessaa

Mootii Waan Maraa leellisa'a;

gubbaa olii keessatti isa leellisa'a.

Ergantooti isaa marti,

loltooti isaa ta ol-gubba'aa marti isa leellisa'a.

Ji'aa fi aduun isa leellisa'a;

isin urjooti ifa kennitanu marti isa leellisa'a.

Isin ol-gubbaan ol gubbootaa,

isin bisaan ol-gubba'aalle isa leellisa'a.

Isaan ajaja isaatiin waan dadamaneef,

maqaa Mootii Waan Maraa leellisanuu ti.

Inni haga bara baraa

addee isaaniititti jabeessee isaan dhaabe;

seera hin jijjiiranne isaanii kenne.

Bineensoti gugurdaan abbaayaa guddittii keessaa,

qileen abbaayaa gudditti'ii martinuu,

lafa irraa Mootii Waan Maraa leellisa'a!

Isin balaqqeetti'ii fi dhakaan roobaa,

qorrii fi hurriin,

hobonbolattiin ajaja isaa muummessitanu,

Gaarotii fi kooboti martinuu,

mukooti midhaan buusuu fi

birbirsooti martinuu,

bineensaa fi horiin martinuu,

bineensoti lafa irra lootanuu fi

koolaan kaatanu martinuu,

Mootii Waan Maraa leellisa'a.

Moototi lafaatii fi

gosi biyya adda addaa martinuu,

qondaaltotii fi bulchitooti lafaa martinuu,

dargaggeeyyiin dhiiraatii fi durraa,

jaarsole'ee fi ijoolleen,

Mootii Waan Maraa leellisa'a!

Maqaan isaa callaan

ka saadame waan te'eef,

ulfinni isaa lafaa fi

ol-gubbaa irra waan jiruuf,

isaan maqaa Mootii Waan Maraa

leellisanuu ti.

Kolbaan isaa Israa'elooti,

worri isatti dhikaatanu,

addatantooti isaa akka isa leellisanu,

jabeenna isaaniif kenne.

Mootii Waan Maraa leellisa'a.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.