Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Faaru'uu 146
Waaqa Fayyisaa Leellisuu
Mootii Waan Maraa leellisa'a!
Ee lubbuu tiyya
Mootii Waan Maraa leellisi!
Ani bara le'ii tiyyaa mara
Mootii Waan Maraa leellisa;
haga jiru mara Waaqa kiyyaaf
faaruu leellisaa hin faarfadha.
Worra isin baasuu hin dandeenne,
qondaaltota ilmaan namaa
itti hin addatina'a!
Isaan yennaa du'anu,
gara biyye'ee deebi'an;
guyyuma san karoorri isaanii hin bada.
Nami Waaqi Yaaqoobii qarqaarsa isaa te'e,
ka Mootii Waan Maraa
Waaqa ifii addii godhatu gammaduu ti.
Mootiin Waan Maraa ol-gubba'aa fi lafa,
abbaaya'aa fi
waan isaan keessa jiru mara dade;
inni haga bara baraa
addatamummaa ifii hin eegata.
Inni worra cunqurfameef
haqaan mura;
worra beeloteef sagalee kenna.
Mootiin Waan Maraa
worra hidhame bilisa baasee,
worra ballaa ila bana.
Worra gad jedhe ol qaba;
worra balchaa jaalata.
Mootiin Waan Maraa alagaa hin eega;
inni ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee fi
haadhotii hiyyeessaa hin qarqaara;
karaa worra hama'aa ammoo hin balleessa.
Ee Xiyoon,
Waaqi keeti Mootiin Waan Maraa,
dhalootaa haga dhalootaatitti,
haga bara baraa hin bulcha.
Mootii Waan Maraa leellisa'a.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.