Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 142

Miidhaa Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate

Wolaloo Daawitii, ta yennaa inni gadda keessa jiruu; Daadimata.

Ani qoonqoo ol qabadhee,

gara Mootii Waan Maraa iyya;

marartii dhaggatiisaaf

Mootii Waan Maraa gaafadha.

Komii tiyya mara

isa duratti dhangalaasa;

rakkinna kiyyalle

isa duratti himadha.

Yennaa ani addii kutatiisa geyeeru,

gara ani ideemaaru ati hin beetta.

Daandii ani irra ideemu keessa,

isaan fonxoroo naaf dhossaneeran.

Adaala kiyya ilaalii dhaggi;

nami naaf yaadatu hin jiru;

addeen ani itti baqadhu hin jirtu;

nami tokkolle haajaa kiyya hin qabu.

Ee Mootii Waan Maraa,

ani gara keeti iyya;

ani, «Ati ka ani itti baqadhu;

lafa worra jiraata'aa tana keessatti

ati qooda kiyya» jedha.

Ani waan qarqaarsa hin qanneef,

iyya tiyya naaf caqasi;

worri na miidhu

guddoo waan natti jabaataneef,

ati isaan jalaa na baasi.

Maqaa keeti akka leellifadhu,

hidhaa keessaa na baasi.

Ati waan dansaa waan naa gooteef,

worri balchaan na hin marsan.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.