Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 137

Gadda Israa'elootaa Ka Boojuu Keessaa

Nuuti laga Baabilonii bira teennee,

yennaa Xiyoon qaabanne boonne.

Muka olaati'ii irratti

kiraarota keenna gugurdaa san fafanninne.

Worri booji'ee nu farrisiisu,

achitti faaruu isaan gammachiittu

akka faarsinu nu gaafatanee,

«Faaruu marroo Xiyoonii keessaa

takkattii faarsa'a» jedhane.

Lafa ormaa keessatti,

nuuti attam faaruu Mootii Waan Maraa

faarsuu dandeenna ree?

Ee Yerusaalem, yoo ani si dedhe,

harki kiyya middichi

ogummaa ifii dedhuu ti.

Yerusaalem, ani yoo si hin qaabatin,

waan itti gammadu mara

yoo si hin caalchisin,

arrabi kiyya laagadaa kiyyatti goguu ti.

Ee Mootii Waan Maraa,

guyyaa Yerusaalem diigante,

worri Edoomii, «Diiga'a! Diiga'a!

Haga hundee isi'iititti gad jissa'a!»

attam akka isaan jedhane qaabadhu.

Ee Baabilonii diigantu!

Waan ati nu irratti goote,

ka deebisee si irratti godhu ka gammade.

Ka daa'immaan teeti qabee,

rassaa irratti macalaasu ka gammade.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.