Kitaaba Woyyuu
Kitaaba Faaru'uu 124
Waaqi Kolbaa Ifii Hin Eega
Faaruu Daawitii, Ta Ittiin ol bayanu
Mootiin Waan Maraa
nu woliin adoo jiraatuu dhabaatee,
Israa'el,
«Yennaa diinoti keenna nu lolanu,
Mootiin Waan Maraa
adoo nu woliin jiraatuu dhabaatee,
yennaa aariin isaanii
nu irratti bobeette san,
silaa adoo jirruu nu liqinsaniiyyu;
silaa bisaan nu haxowee dabaraayyu;
lolaan nu irra garagalaayyu;
silaa bisaan hamaan
nu irra yaa'aayyu» jettuu ti.
Ilkaan isaanii akka nu kukkutatu
ka nu hin lakkisin,
Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti.
Akka sinbirrooti
tiyyoo worra adansuu jalaa baatu,
nuutille tiyyoo isaanii jalaa baane;
tiyyoon ciccitte; nuutille jalaa baane.
Maqaa Mootii Waan Maraa
ol-gubba'aa fi lafa dadeen,
nuuti qarqaarsa dhagganne.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.