Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Faaru'uu 119

Seera Mootii Waan Maraa

Worri karaan isaanii komii hin qanne,

ka seera Mootii Waan Maraatiin ideemanu

ka gammadane.

Worri ajaja isaa eegatu,

ka gadhaa tokkochaan isa barbaadu

ka gammade.

Isaan dokonkora hin hujanu;

karaa isaa ideeman.

Mootii Waan Maraa,

ajaji keeti guutumatti akka eegamu,

ati ajajjeerta.

Ani ajaja keeti eegatiisaan,

jabaadhee adoo dhaabbadhee

attam attam halcha!

Ani ila tiyya ajaja keeti mara irraa

yoo hin buqqifatin,

ani hin qaanowu.

Muraa haqaa teeti yennaa baradhe,

ani gadhaa qajeela'aan si leellisa.

Ani ajaja keeti hin eegadha;

ati ijjumaa na hin lakkisin.

Seera Mootii Waan Maraatiif Ajajamuu

Dargaggooti attamiin karaa ifii

qulqullumma'aan eegatiisa dande'an?

Karaa ifii akka jecha keetiititti eegatiisaan.

Ani gadhaa tokkochaan si barbaada;

ajaja keeti irraa akka goru na hin lakkisin.

Akka si hin yakkineef,

jecha keeti gadhaa kiyya keessatti dhoffadheera.

Ee Mootii Waan Maraa, ati ka leellifante;

seera keeti na barsiisi.

Ani qajeelfama afaan keetii baye mara,

afaan kiyyaan hin lallaba.

Akkuma nami durummaa guddo'otti gammadu,

ani qajeelfama keeti hordofiisatti

hin gammada.

Ani ajaja keeti irra deddeebi'ee itti hin yaada;

karaa keeti irraa ila tiyya hin buqqifadhu.

Ani seera keetiin hin gammada;

ani jecha keeti hin dedhu.

Akka ani le'uuf,

jecha keetiifille akka ajajamu,

ana tajaajilaa keetiif waan dansaa godhi.

Waan maade'ee

ta seera keeti keessaa akka dhaggu,

ila tiyya bani.

Ani lafa irratti alaga'a;

ajaja keeti na hin dhossin.

Lubbuun tiyya seera keeti halchiisaan,

yennaa mara akka malee dadhaddi.

Ati worra koorameeyyii abaarame,

ka ajaja keeti irraa gore,

hin xixxa.

Ani ajaja keeti waan eegadheef,

ati murgo'oo fi tuffii isaanii

na irraa fageessi.

Qondaaltoti tee'anee

mala na irratti dhowanulle,

ani tajaajilaan keeti

seera keeti itti deddeebi'ee hin yaada.

Ajaji keeti marti na gammachiisan;

isaan gorsitoota tiyya.

Seera Waaqaatiif Ajajamiisaaf Murteeffatuu

Ani du'iisa geyeera;

ati akka jecha keetiititti

lubbuu tiyya natti deebisi.

Ani waan jiruu tiyya keessatti te'e mara

sitti himadheera;

atille deebii naaf kenniteerta;

seera keeti mara na barsiisi.

Ajaja keeti na hubachiisi;

anille hujii teeti ta maade'ee

itti deddeebi'ee hin yaada.

Lubbuun tiyya gaddaan dadhaddeerti;

akka jecha keetiititti na jabeessi.

Karaa sobaa na irraa fageessi;

badhaadha keetiin seera keeti na barsiisi.

Ani karaa dhuga'aa filadheera;

seera keeti ifi dura keyadheera.

Ee Mootii Waan Maraa,

ani jaja keeti jabeessee qabadheera;

na hin qaanessin.

Ati waan bilisa na baatteef,

ani karaa ajaja keetii rukkisa.

Daadimata Hubantii Dhaggatiisaaf Dhikaate

Ee Mootii Waan Maraa,

karaa seera keetii na barsiisi;

anille yennaa mara hin hordofa.

Seera keeti akka ani eegadhu,

gadhaa tokkochalle'een akka ani ajajamu,

hubantii naa kenni.

Ani waan ittiin gammaduuf,

daandii ajaja keetii irra akka deemu na godhi.

Bu'aa haqa hin te'in dhaggatiisa irraa,

gadhaa kiyya gara ajaja keetii deebisi.

Ila tiyya waan bu'aa hin qanne irraa deebisi;

karaa keeti irratti jiruu naa kenni.

Akka sodaatantuuf,

Waadaa ana tajaajilaa keetiif galte muummessi.

Seerri keeti dansaa waan te'eef,

qaanii ani sodaadhu na irraa fageessi.

Kunoo, ani ajaja keeti eegatiisaaf dharra'a;

balchummaa teetiin jiruu naa kenni.

Ee Mootii Waan Maraa,

jaalalli keeti ka bara baraa

gara kiyya dhufuu ti;

akka waadaa keetiititti

fayyisiis keetille gara kiyya dhufuu ti.

Achiin duuba ani

jecha keetitti waan addadhuuf,

worra na arrassuuf deebii hin kenna.

Ani seera keetitti addii waan godhadhuuf,

jecha dhuga'aa keeti dubatiisa

na hin dhooggin.

Ani yennaa mara,

haga bara baraa seera keeti hin eegadha.

Ani ajaja keeti muummessiisa

waan barbaaduuf,

bilisaan hin ideema.

Ani ajaja keeti mootota duratti

hin dubbadha;

hin qaaneffadhu.

Ani ajaja keeti hin jaaladha;

ittille hin gammada.

Ani harka kiyya gara ajaja keeti

ka jaaladhuu ol hin kaasa;

seerata keetille itti deddeebi'ee hin yaada.

Jecha keeti

ka akka ani addi'iin eegadhu goote,

ana tajaajilaa keetiif qaabadhu.

Waadaan keeti

jiruu waan naa kenneef,

rakkinna kiyya keessatti

jajjabeenni kiyya kana.

Worri koorameeyyiin

yennaa mara natti murgan;

ani ammoo seera keeti irraa hin deebine.

Ee Mootii Waan Maraa,

ani seeraa keeti

ka durii durii yennaa qabaadhu,

ittiin hin jajjabaadha.

Worri hamaaleyyiin

seera keeti waan lakkisaneef,

aariin guddoon na qabatte.

Addee le'u maratti ajaji keeti faaruu tiyya.

Ee Mootii Waan Maraa,

halkan keessa maqaa keeti qaabadha;

seera keetille hin eegadha.

Ani ajaja keeti eegadhe;

tunille hujii tiyya teete.

Seera Waaqaatiif Ajajamuu

Ee Mootii Waan Maraa,

jiruu tiyya keessatti ati qooda kiyya;

ani jecha keeti eegatiisaaf waadaa galeera.

Fudhatama dhaggatiisaaf,

gadhaa tokkochaan si daadimadha;

akkuma waadaa keetiititti naa marari.

Ani yennaa karaa keeti yaadadhu,

miila kiyya gara ajaja keetii deebifadha.

Ani ajaja keeti muummessiisaaf,

hin ariifadha; hin turu.

Worri hamaan wodaroo natti marulle,

ani seera keeti hin dedhu.

Muraa teeti balchitti'iif,

si galateeffatiisaaf,

ani halkan wodhakkaa hin ka'a.

Ani worra si sodaatu maraaf,

worra ajaja keeti eegatu maraaf jaala.

Ee Mootii Waan Maraa,

latti jaalala keeti

ka bara baraatiin guutanteerti;

seera keeti na barsiisi.

Ee Mootii Waan Maraa,

akkuma jecha keetiititti,

ati tajaajilaa keetiif waan dansaa gooteerta.

Ani ajaja keeti waan addadhuuf,

beekkumsaa fi hubantii dansaa na barsiisi.

Adoo hin rakkatin dura,

ani karaa keeti irraa goreera;

amma ammoo jecha keeti hin eegadha.

Ati dansa'a; wonni ati gootulle dansa'a;

seera keeti na barsiisi.

Worri koorameeyyiin

dharaan maqaa na balleessanulle,

ani ammoo gadhaa tokkochaan

ajaja keeti hin eegadha.

Isaan mataa jabaatan;

ani ammoo seera keetiin gammada.

Seera keeti akka baradhu,

rakkatiisi kiyya dansa'a.

Worqi'ii fi meetii kuma hedduu caalaa,

seera afaan keetii bayu naaf woyya.

Haqa Seera Waaqaa

Harki keeti na huje;

na mimmiidhasselle'e;

akka ani ajaja keeti baradhu,

qalbeeffata naaf kenni.

Ani jecha keetitti addii waan godhadheef,

worri si sodaatu yennaa na dhaggu

hin gammada.

Ee Mootii Waan Maraa,

muraan teeti dhugaa akka teete,

ani hin beeka;

ati addatamumma'aan na adadde.

Akkuma ana tajaajilaa keetiif waadaa galtetti,

jaalalli keeti ka bara baraa

na jajjabeessuu ti.

Seerri keeti waan na gammachiisuuf,

akka le'uuf,

marartiin teeti naaf dhuttuu ti.

Worri koorameeyyiin

dharaan waan na himatanuuf,

qaanowanuu ti.

Ani ammoo ajaja keeti itti deddeebi'ee yaada.

Worri si sodaatuu,

worri ajaja keeti beeku,

gara kiyya deebi'uu ti.

Akka ani hin qaanonneef,

gadhaan kiyya seera keetitti

komii hin qabaatin.

Lubbuun tiyya

fayyisiisa keeti dharra'iisaan gaggaddi;

ani ammoo jecha keetitti addii godhadha.

Ilti tiyya dubbii teeti eegatiisaan dadhaddi;

ani, «Yoom na jajjabeessita?» jedhee gaafadha.

Ani akka qalqalluu daadhii woyni'ii

ka aara keessaa shuntuuradhulle,

seera keeti hin dedhu.

Ani tajaajilaan keeti haga yoomii le'inna laati?

Ati worra na miidhutti yoom murta?

Worri koorameeyyiin seera keetiif hin ajajanne,

boolla naaf qotane.

Ajaji keeti martinuu addatama'a;

namooti sababa malee waan na miidhanuuf,

ati na qarqaar.

Isaan diqquma lafa irraa

na hin balleessin hafane;

ani ammoo ajaja keeti hin lakkinne.

Akka ani ajaja keeti eegadhu,

jaalala keeti bara baraatiin,

jiruu naa kenni.

Ee Mootii Waan Maraa,

jechi keeti haga bara baraa,

ol-gubbaa keessatti jabaatee jiraata.

Addatamummaan teeti

dhalootaa irraa haga dhaloota maraatitti

hin jiraatti;

ati lafa daddeerta;

isiille jabaattee jiraatti.

Wonni martinuu tajaajiltoota teeti waan teeteef,

ajaja keetiin haga adhaa jabaattee jiraatti.

Seerri keeti adoo na hin gammachiinne teete,

rakkinna kiyyaan silaa ani badeeraayyu.

Ati seera keetiin jiruu waan naa kenniteef,

ani ijjumaa seera keeti hin dedhu.

Ani seera keeti waan barbaaduuf,

ani keeti; na hamburi.

Worri hamaaleyyiin na ijjeesiisaaf na gaadan;

ani ammoo ajaja keeti itti deddeebi'ee yaada.

Wonni dhidhinna hin qanne marti

meessaa akka qaddu dhaggeera;

ajaji keeti ammoo meessaa hin qabu.

Seera Waaqaa Jaalatiisa

Ani attam attam seera keeti jaaladha!

Ani guyyaa guutuu itti deddeebi'ee isa yaada.

Ajaji keeti yennaa mara na woliin waan jiruuf,

diinota kiyya caalaa qaroo na godha.

Ani seera keeti itti deddeebi'ee waan yaaduuf,

barsiisota tiyya mara caalaa qarummaa qaba.

Ani seera keeti waan muummessuuf,

maanguddoota caalaa hubantii qaba.

Ani jecha keeti eegatiisaaf,

miila kiyya karaa hamaa mara irraa eegadheera.

Ati waan na barsiitteef,

ani seera keeti irraa hin gorre.

Jechi keeti arraba kiyyatti attam attam mi'owa!

Afaan kiyya keessatti damma caalaa mi'owa.

Ani seera keeti irraa hubantii dhaggadheera;

tanaaf karaa dharaa mara hin jibba.

Jechi keeti miila kiyyaaf issa'a;

daandii tiyyaafille ifa.

Seera keeti balchicha hordofiisaaf,

kakadheera; ittille hin jabaadha.

Ani guddoo rakkadheera;

ee Mootii Waan Maraa, akka jecha keetiititti

jiruu naa kenni.

Ee Mootii Waan Maraa,

leellisa fedhii tiyyaan sii dhikeessu fudhadhu;

seera keetille na barsiisi.

Lubbuun tiyya yennaa mara balaa bira jirti;

ammoo ani seera keeti hin dedhu.

Worri hamaan tiyyoo naaf afe;

ani ammoo seera keeti irraa hin gorre.

Seerri keeti haga bara baraa

dhaala kiyya waan te'eef,

gammadi gadhaa kiyyaa isa.

Ani haga du'utti,

bara baraan seera keeti

muummessiisaaf murteeffadheera.

Ani worra yaada lamaa jibbe;

seera keeti ammoo jaaladhe.

Ati addee ani itti dhokadhu;

wontee tiyyalle'e.

Ani jecha keetitti addii godhadha.

Akka ani ajaja Waaqa kiyyaa eegadhu,

isin worri waan hantuu hujjanu

na irraa fagaadha'a.

Akka ani jiru'uun le'u,

akka jecha waadaa keetiititti na jabeessi;

addii tiyyaan ani hin qaanowin.

Akka ani bayu ati na qabi;

ani yennaa mara seera keetitti xiyyeeffadha.

Malli soba isaanii bu'aa waan hin qanneef,

ati worra seera keeti irraa goru mara

hin fugussita.

Worra hamaa lafa irraa mara

ati akka solloqqee sibiilaa hin gatta;

tanaaf, ani seera keeti hin jaaladha.

Foon kiyya si sodaatee hollate;

ani muraa teeti guddoo sodaadhe.

Ani waan dhuga'aatii fi haqaa hujeera;

ati worra na cunqursuuf na hin lakkisin.

Ani tajaajilaan keeti

waan dansaa akka dhaggadhu

wobii naa te'i;

worri koorameeyyiin

akka na cunqursu hin lakkisin.

Fayyisiisa keetii fi waadaa keeti

balchaa san eegatiisaan,

ilti tiyya dadhadde.

Akka jaalala keeti ka bara baraatitti,

ana tajaajilaa keeti qabadhu;

seera keetille na barsiisi.

Ani tajaajilaa keeti;

akka ani seera keeti beeku,

hubantii naaf kenni.

Ee Mootii Waan Maraa,

kolbaan seera keeti waan cassiteef,

yennaan ati waan tokko hujju amma.

Ani worqii caalaa, worqii qullittii caalaa,

ajaja keeti jaaladha.

Tanaaf ajaji keeti martinuu,

dhugaa akka te'e hin fudhadha;

karaa dharaa mara jibba.

Halchaa Seera Mootii Waan Maraatiif Ajajamiisaa

Seerri keeti maade'e;

tanaaf lubbuun tiyya isaaf ajajanti.

Hiiki jecha keetii ifa kenna;

worra wollaala'aaf hubantii kenna.

Ani ajaja keeti waan halcheef,

afaan banee eegadha.

Akkuma worra maqaa keeti jaalatuuf gootu,

gara kiyya deebi'iitii,

naa marari.

Akka jecha keetiititti

ideensa kiyya sooressi;

cubbuun akka na mootu hin lakkisin.

Akka ani ajaja keeti eegadhu,

cunqursaa namaa jalaa na wodi.

Ana tajaajilaa keetitti fuula ifi;

seera keetille na barsiisi.

Seerri keeti waan hin eegaminiif,

imimmaan ila tiyya keessaa

akka bisaanii yaati.

Ee Mootii Waan Maraa,

ati balcha'a;

muraan teetille dhuga'a.

Ati balchumma'aa fi

addatamummaa guutu'uun,

seera keeti baacheerta.

Diinoti kiyya jecha keeti waan dedhaneef,

hinaaffaan tiyya na laalessite.

Jechi keeti guddoo qulqullicha;

ani tajaajilaan keetille isa jaaladha.

Ani nama diqqaa tuffatama'a;

te'ulle ajaja keeti hin deenne.

Balchummaan teeti

balchummaa haga bara baraa ti;

seerri keetille dhuga'a.

Rakkinnii fi farri na dhaqqabeera;

ajaji keeti ammoo na gammachiisa.

Ajaji keeti haga bara baraa dhuga'a;

akka ani jiru'uun le'u hubantii naaf kenni.

Ee Mootii Waan Maraa,

ani gadhaa tokkochaan gara keeti iyya.

Ati deebii naaf kenni;

anille seera keeti hin eegadha.

Ani gara keeti iyya; na baasi;

anille seera keeti hin eegadha.

Ani adoo boruun hin dayya'in ka'ee,

qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keeti iyya;

jecha keetitti addii godhadha.

Jecha keeti itti deddeebi'ee yaadiisaaf,

ani halkan guutuu ila wolitti hin qabanne.

Akka marartii teetiititti

qoonqoo tiyya dhage'i;

Ee Mootii Waan Maraa,

akka seera keetiititti

lubbuu tiyya hamburi.

Worri mala hamaa baafatanee

na miidhanu,

natti dhikaataneeran;

ammoo seera keeti irraa fagaataneeran.

Ee Mootii Waan Maraa,

ati dhikoo jirta;

ajaji keeti marti dhuga'a.

Bara baraan akka jiraatuuf,

akka ati seera keeti baache,

yennaa dheertu'uun dura

seera keeti irraa baradheera.

Qarqaarsa Gaafatiisa

Ani seera keeti waan hin dedhiniif,

ati rakkinna kiyya ilaaliitii na baasi.

Haajaa kiyya naaf falmiitii, na wodi.

Akka waadaa keetiititti

lubbuu tiyya hamburi.

Worri hamaan

seera keeti waan hin barbaanneef,

fayyinni isaan irraa fagaateera.

Ee Mootii Waan Maraa,

marartiin teeti guddo'o;

akka seera keetiititti

lubbuu tiyya hamburi.

Worri na miidhuu fi

diinoti kiyya heddu'u;

ani ammoo seera keeti irraa hin gorre.

Worri hin addatanne

jecha keetii waan hin eeganneef,

ani isaan ilaalee diqadhe.

Ajaja keeti attam akka ani jaaladhu ilaali;

Ee Mootii Waan Maraa,

akka marartii teetiititti,

lubbuu tiyya hamburi.

Jechi keeti martinuu dhuga'a.

Seerri keeti balchichi martinuu

ka haga bara baraa ti.

Seera Waaqaatiif Ajajamiisa

Qondaaltoti sababa malee na miidhan;

ani ammoo gadhaa sodaatuun

jecha keeti ulfeessa.

Akka nama boojuu guddoo dhaggatee,

ani jecha keetitti gammada.

Ani dhara jibba;

hin diqadhalle'e;

seera keeti ammoo hin jaaladha.

Seera keeti balchaa saniif,

guyya'atti yennaa torba ani si leellisa.

Worri seera keeti jaalatu

nageya guddaa qaban;

wonni isaan dande'ee gufachiisulle hin jiru.

Ee Mootii Waan Maraa,

ani addi'iin fayyisiisa keeti eegadha;

ajaja keetille hin muummessa.

Lubbuun tiyya seera keeti hin eegatti;

anille guddisee seera san jaaladha.

Hujiin tiyya martinuu

si duratti ifa waan teeteef,

ani ajaja keetii fi seera keeti hin eegadha.

Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate

Ee Mootii Waan Maraa,

iyyi tiyya si bira geettuu ti;

akka jecha keetiititti

hubantii naaf kenni.

Gaaffiin tiyya si bira geettuu ti;

akka waadaa keetiititti na baasi.

Ati seera keeti waan na barsiittuuf,

afaan kiyya leellisa hin dhangalaasa.

Seerri keeti marti balchaa waan te'eef,

arrabi kiyya

marroo waadaa keetii faarsuu ti.

Ani ajaja keeti waan filadheef,

harki keeti na qarqaariisaaf qophowuu ti.

Ee Mootii Waan Maraa,

ani fayyisiisa keeti halcha;

seerri keetille gammada kiyya.

Akka si leellisuuf ani lubbuu jiraadhuu ti;

seerri keeti na qarqaaruu ti.

Ani akka hoolee baddee

karaa irraa goreera;

ani seera keeti waan hin dedhiniif,

ati ana tajaajilaa keeti barbaadi.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.