Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Seera Laakkossaa

Numbers

Introduction from this edition

Kitaaba Seera Laakkossaa

Seensa

Kitaab seera laakkossaa kolbaan Israa'elii gaara Siina'aa yennaa lakkisaneen jalqabanee, haga lafa Waaqi isaaniif kenniisaaf waadaa gale gara aduun baatu geyanutti, dabarsii isaanii ta gara woggaa afurtamaa hima. Maqaan kitaaba kanaa dabarsii kitaaba kanaa keessaa kutaa ifatti mudhattu odeessa; kunille Israa'elooti gaara Siina'aa lakkisanee deemiisaan dura, akkasuma dhaloota tokkoon duuba, galaana Yordaanosiitiin gara aduun baatutti, Mo'aab keessatti, laakkossa Muuseen kolbaa laakkowe ilaala. Laakkossa lamaan san wodhakkaa yennaa jirtu keessatti Israa'elooti kibba Kana'aanii, Qaadesh Barnee geyaneeraniiyyu. Teetuu malee karaa saniin gara lafa waadaan isaaniif galamee galiisa hin dandeenne. Adaala sanitti woggoota hedduu dabarsaneen duuba, gara lafa galaana Yordaanosiitiin gara aduun baatuu deemane. Kolbaan gariin achuma le'iisaaf murteeffattee, worri hafe ammoo galaana Yordaanosii gamatti bu'anee gara Kana'aanii deemiisaaf qopheeffatane.

Kitaab seera laakkossaa dabarsii worra yennaa hedduu rakkoon isaan irra yennaa dhaqqaddu sodaatuutii fi addii kutatuu, ka Waaqaa fi Muusee Waaqi sooressa isaanii akka te'uuf muude irratti ka'uu ti. Isaan worra hin ajajannee fi dadhaboolee te'anulle, Waaqi addatamumma'aan kolbaa ifii akka kunuunse dabarsii odeessitu; akkasuma Muuseen yennaa tokko tokko ossa dhabulle, Waaqaa fi kolbaa ifiitiif jabaatee akka dhaabbate dabarsii odeessitu.

Haadhoo Dubbi'ii

Israa'elooti Gaara Siina'aa Lakkisanee Deemiisaaf Qophowane

Laakkossa Jalqabaa

Seeraa Fi seeraa Ittiin Bulmaataa Ka Adda Addaa

Jila Irra Dabaramaa Ta Lammeesso'oo

Gaara Siina'aatii Gara Mo'aabii

Waan Mo'aab Keessatti Te'e

Yaadannoo Ideensa Gibxii Irraa Gara Mo'aabii

Galaana Yordaanosii Gamatti Bu'iisaan Dura Gorsa Kenname

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.