Yo'elii Raagichaa
Joel
Introduction from this edition
Kitaaba Yo'elii Raagichaa
Seensa
Yo'eliin raagichi yoom akka lafa irra le'ee fi marroo dabarsii le'ii isaa wonni guddoon beekkamu hin jiru; te'uu malee kitaab isaa kun ka dhaggame dhaloota Kiristoosiitiin dura gara jaarraa shaneesso'oo yookiin arfeesso'ootitti, yennaa mootummaa mootii moototaa ta Faaresii akka te'e herregama; inni lafa Israa'eliititti yennaan hubiisi awwaannisaatii fi caami badii guddoo fidu akka dhufu'uu jiru hima; wonni kun guyyaan dhufa Mootii Waan Maraa ka dhikaate akka te'e akka mudhittu dubbata; guyyaan Mootii Waan Maraa yennaa dhufu, Mootiin Waan Maraa fedhii isaa balchittii worra mormanu mara akka adabu itti dabalee dubbata. Raagichi, kolbaan cubbuu irraa akka deebitu waamicha Mootii Waan Maraa himiisaan, cubbuu irraa deebinaan, Mootiin Waan Maraa addee duriititti isaan deebisee akka isaan eebbisu hubachiisa. Raaga isaa keessatti guddoo ka mudhatu, waadaa Mootiin Waan Maraa dhiiraa fi dubartii, dargaggootaa fi jaarsota, kolbaa ifii duudii irralle'etti Ayyaana ifii akka ergu ka himu.
Haadhoo Dubbi'ii
Hubiisa awwaannisaa
Waadaa adde'etti deebi'iisaa
Guyyaa Mootii Waan Maraa
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.