Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Isaayaasii Raagichaa 62

Xiyoon Maqaa Haareya Dhaggatte

Balchummaan isi'ii akka aduu ganamaa,

fayyinni isi'iille akka xassaa bobe'uu haga issutti,

ani marroo Xiyoonii hin cadhisu;

marroo Yerusaalemii hin sarmu.

Gosi biyya adda addaa balchummaa teeti,

moototi marti ulfinna keeti hin dhaggan;

maqaa haareya Mootiin Waan Maraa sii kennuun

hin waamanta.

Ati harka Mootii Waan Maraatitti

akka kallacha ulfinnaa,

harka Waaqa keetiititti

akka kallacha mooti'ii hin teeta.

Ati haganaa achi,

«Ta lakkifante» hin jedhantu,

yookiin «Lafa duwwaa» hin jedhantu;

Mootiin Waan Maraa waan sitti gammaduuf,

latti teetille abbaa manaa waan qabaattuuf,

ati ammoo, «Gammadi kiyya isi'iin» jedhantee hin waamanta;

latti teetille, «Dubartii abbaa manaa qaddu» jedhantee hin waamanti.

Akkuma dargaggeessi durra fuudhu,

ilmaan teeti si hin fuuti.

Akkuma waajibichi waajibittii ifiititti gammadu,

Waaqi keetille si'itti hin gammada.

Ee Yerusaalem,

ani dalleya dhaka'aa keetii irra,

eeddota keyeera;

isaan halkanii fi guyyaa ijjumaa hin cadhisanu.

Isin worri Mootii Waan Maraa waammatanu hin foorfatina'a.

Haga Mootiin Waan Maraa qachaa Yerusaalemii

deebisee ijaarutti,

kolbaan marti haga isii leellittutti

foora isaaf hin kennina'a.

Mootiin Waan Maraa harka ifii middicha,

irree ifii jaddu'uun kakatee,

«Ani deebi'ee diinni keeti midhaan keeti akka nyaatu,

daadhii woynii teeti ta ati itti elootte,

ormi akka unu hin godhu.

Isin worri midhaan galfattanu ammoo,

midhaan san nyaattanee Mootii Waan Maraa hin leellifattan;

isin worri midhaan woyni'ii guurattanu,

badhinna Galma kiyyaa keessatti

daadhii woyni'ii hin untan» jedhe.

Kolbaa Yerusaalemii, karaa karra qacha'aatiin dabara'a;

kolba'aafille karaa qopheessa'a!

Karaa guddaa baasa'a; dhakaa karaa keessaa kaasa'a;

gosa biyya adda addaatiif baandiraa ol kaasa'a.

Mootiin Waan Maraa,

«Kolbaa Xiyooniitiin, ‹Kunoo, fayyisaan keessan dhufaara;

gatiin inni isinii kennu,

wonni inni isiniif kaffalu harka isaa jirti› jedha'aan»

jedhee, haga qaccee biyya lafaatitti lasseera.

Isaan, «Kolbaa Woyyittii,

ta Mootiin Waan Maraa wode» jedhamane hin waamaman.

Yerusaalemille,

«Qachaa barbaadamu,

ka hin lakkifanne»

jedhantee hin waamanti.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.