Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Isaayaasii Raagichaa 4

Yennaa san dubartooti torba dhiira tokko qabattee, «Nuuti sagaluma teenna hin nyaanna; woyaalle teennuma uffanna; salphinni keenna akka hafu, maquma keetiin waamannuu ti» hin jetti.

Adde'etti Deebi'iisa Yerusaalemii

Yennaa san wonni Mootiin Waan Maraa lafa irratti lachisiisu ka miidhaguu fi ka ulfinna qabu hin te'a; midhaan muka lafa irratti latulle kolbaa Israa'elii worra baraaree hafeef, kooraa fi ulfinna hin te'a. Worri Xiyoon keessatti hafee Yerusaalem keessa haga ammaa le'iisatti jiru, Yerusaalem keessatti worra baraaree hafee galmowe mara woliin woyyoota jedhamanee hin waamaman. Mootiin Waan Maraa dubartoota Xiyoonii irraa xurii hin dhiqa; ayyaana mura'aatii fi ayyaana ibiddaatiin Yerusaalem irraa dhiiga dhiqee hin qulleessa. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa gaara Xiyooniitii fi worra achi irratti wolitti qabamane mara irratti guyyaa duumensaa fi aara, halkan ibidda bobe'u hin dada; ulfinni isaalle qachaa san guutumatti itti hin gonbooba. Gonboobi sun yennaa o'a adu'uu, gaaddisaa fi waan jalatti qophatanu, yennaa bubbe'eetii fi bokkeyaa addee itti baqatanuu fi addee itti dhokatanu hin te'a.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.