Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Isaayaasii Raagichaa 35

Gammada Worra Wodamee

Goomole'ee fi latti godduun hin gammaddi;

gammoojjiin firinxiixxee,

akka daraara'aa hin daraarti.

Goomoleen daraaraa hedduu daraartee,

guddoo firinxiixxee, hin ilillitti;

ulfinni gaara Libaanonii,

arnyi gaara Qarmelosiitii fi

dhooqa Shaaronii isi'iif hin kennama.

Nami marti ulfinna Mootii Waan Maraatii fi

arnya Waaqa keennaa hin dhagga.

Harka dadhabe jabeessa'a;

jilba lelleqelle jabeessa'a.

Worra gadhaan isaanii soda'aan qabameen,

«Jabaadha'a; hin sodaatina'a!

Kunoo, Waaqi keessan diinota keessan haluu bayiisaaf,

yakkaa isaan isin irratti hujaneef

gatii isaan kaffalchiisiisaaf,

isin ammoo fayyisiisaaf hin dhufa» jedha'a.

Achiin duuba ilti worra balla'aa hin bananti;

gurri worra duuda'aalle hin dhage'a.

Naafi akka gadansaa hin utaala;

worri afaan duuda'aa, hin ilillisa.

Gammoojjii keessaa bisaan,

goomolee keessaa maddi hin burqa;

maansi akka ibiddaa gubu baleessa hin te'a;

lafa godduu keessaa bisaan hin burqa.

Addeen jeedalti keessa leetu

marra, shonbooqqo'oo fi allaaduu hin baatti.

Achi keessa karaan guddaan hin baya;

maqaan isaalle, «Karaa Woyyicha» hin jedhama.

Karaa san irra kolbaa Waaqaa qofattuu deema malee,

worri battiin irra hin deemu;

worri gowwooleelle irra hin deemu.

Neenqi achi hin jiraatu;

bineensi hamaan achi irra hin ideemu.

Worra wodame qofattuu achi irra ideema.

Worri Mootiin Waan Maraa wode hin deebi'an;

faarfataa gara Xiyoonii hin galan.

Kallacha gammada bara baraa mata'atti hin keyatan;

isaan gammadaa fi qananummaa hin dhaggatan;

gaddaa fi aadiis isaan irraa hin fagaata.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.