Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Isaayaasii Raagichaa 25

Faaruu Leellisaa

Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa kiyya;

ani si hin jajadha; maqaa keetille hin leellifadha;

waan maade'ee ka dur yaadde

addatamumma'aan muummessiteerta.

Ati qachaa san tuulaa rassa'aa gooteerta;

dalleya dhaka'aa ka qachaa saniille diiddeerta.

Manni mootumma'aa ka alagaan ijaare

haganaa achi hin jiraatu;

ijjumaa deebi'eelle hin ijaaramu.

Tanaaf gosi biyya adda addaa jajjaboon

ulfinna si'iif hin kenniti;

qachooti gosa biyya adda addaa

ta gadhaa jabaattuu si hin sodaatan.

Ati hiyyeessaaf addee itti baqatu,

rakkata'aaf yennaa rakkinnaa addee itti baqatu,

yennaa bokkeya bubbe'ee addee jalatti qophatanu,

yennaa o'a adu'uulle gaaddisa teeteertaaf.

Wonni afaan worra gadhaa jabaatuu keessaa bayu,

akka bokkeya bubbe'ee

ka dhaaba manaa dhowuutii fi

akka o'a goomole'ee ti.

Akkuma duumensi o'a qabbaneessu,

ati hogaa alaga'aa cadhi hin goota;

faaruun isaaniille hin hatti.

Areertii Waaqi Qopheesse

Mootiin Waan Maraa Ka Waan mara Dade, gaara Xiyoonii irratti gosa biyya adda addaa maraaf, daadhii woyni'ii ta baate, foon coomaa fi daadhii woyni'ii dansaa areertii hin qoheessa. Inni gaara kana irratti gollaa gaddaa ka gosa biyya adda addaa mara golle hin balleessa. Goottaan, Mootiin Waan Maraa haga bara baraa du'a hin balleessa; inni ila nama duudi'ii irraa imimmaan hin haqa; salphinna kolbaa ifii biyya lafaa duudii irraa hin fageessa. Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.

Yennaa san kolbaan, «Dhuguma inni Waaqa keenna; nuuti isatti addannee, innille nu fayyise; Mootiin Waan Maraa ka nuuti itti addanne, isa kana; kowa'a fayyisiisa isaatitti gammannee ilillinna» hin jetti.

Waaqi Mo'aab Hin Adaba

Harki Mootii Waan Maraa gaara Xiyoonii hin eega; kolbaan Mo'aabii ammoo, akkuma hicaaceen dhoqqe'een dhiitantu, miila isaa jalatti hin dhiitaman. Isaan akka nami bisaan daaku harka ifii badhifatu, dhoqqee san keessatti harka ifii hin badhifatan; Mootiin Waan Maraa ammoo maltummaa isaaniitiin adoo hin sobamin, koora isaanii gad hin qaba. Inni dalleya dhaka'aa dheeraa ka qachaa Mo'aabii gad qabee, lafatti buusee, bukuu irratti hin jissa.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.