Kitaaba Woyyuu
Isaayaasii Raagichaa 20
Ergaa Marroo Biyya Gibxi'iitii Fi Biyya Itoophiya'aa
Bara ajajaan loltootaa Sargon mootii Asooriitiin ergamee, biyya Ashidoodii lolee qabate, yennaa san Mootiin Waan Maraa ilma Amosii Isaayaasitti dubbatee, «Dhaqiitii woyaa gaddaa teeti ifi irraa, kophee teetille miila keeti irraa baafadhu» jedhe; innille akkuma ajajame godhee, woyaa ifi irraa baafatee miila duwwaa ideeme. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Beessisaa fi ifi eeggachiisiisa biyya Gibxi'iitii fi Itoophiya'aa1, tajaajilaan kiyya Isaayaas qullaa ifiitii fi kophee miila ifii baafatee woggaa sad akkuma ideeme, akkasuma mootiin biyya Asoorii worra Gibxi'ii qabatee, worra Itoophiya'aa2 booji'ee, dargaggootaa fi jaarsolee qullaa isaanii, kophee miila isaanii irraa baasee, hudduu qullaa isaan oofee hin ideema; maarre worri Gibxi'ii hin qaanowa. Worri Itoophiya'atti3 addatee fi worri Gibxi'iin koore, hin sodaata; hin qaanowalle'e. Guyyaa san worri qarqara Abbaaya'aa4 le'u, ‹Kunoo, worri nuuti mootii biyya Asoorii jalaa akka nu baasanuuf addannee, qarqaarsaaf itti baqanne eega akkas te'e, nuuti attamiin isa jalaa baana ree?› hin jedhan» jedhe.
Source notes (4)
- Footnote Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.
- Footnote Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.
- Footnote Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.
- Footnote Qarqara Abbaaya'aa: Qarqarri abbaaya'aa kum ka abbaayaa Filisxeemotaa te'uu dande'a.
Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.
Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.