Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Isaayaasii Raagichaa 18

Ergaa Marroo Itoophiya'aa

Lafa laga Itoophiya'aatiin1 gamaa, ta koolli birrisuutiif aanne'e! Latti sun abbaayaa irra, hoboloo allaadduu irraa hujanteen bisaan irra ergantoota ergiti. Isin ergantooti ariiti'iin ideentanu, gara kolbaa dhedheertu'uu, ta gogaan isi'ii lallaafa'aa2, ta fago'oo fi dhiko'otti sodaatantuu, gosa hunnaameyyii jajjaba afaan isaanii hin beekkannee, ta latti isaanii laga heddu'uun gargar qoqoodantee dhaqa'a.

Isin kolbaan biyya lafaa marti, ta lafa irra leetanu, yennaa baandiraan gaarota irra dhaabamu hin dhaggitan; tultullaan yennaa afuufamulle hin dhageettan. Mootiin Waan Maraa anaan, «Ani addee leetoo tiyyaa irraa, akka ifa o'a adu'uu keessaa calalaquu, o'a yennaa haamma'aa keessa akka duumensa karfaffu'uu, cadhi jedhee gad hin ilaala» jedhe. Midhaan woyni'ii adoo hin galchiniin dura, muki woyni'ii daraaraa yennaa buufatu, midhaan woyni'ii yennaa bargoo te'u, billowaan gaaleen isi'iitii fi dameeleen isi'ii irraa muranee akkuma gatamanu, inni kolbaa biyya sanii hin balleessa. Reeffi loltoota isaanii allaattii gaaraatii fi bineensota badda'aatiif sagalee hin te'a; allaattiin isaaniin bona hin baati; bineensotille isaaniin ganna hin bayan.

Yennaa san kolbaan dhedheertuun, ta gogaan isi'ii lallaafa'aa, ta fago'oo fi dhiko'otti sodaatantu, gosi hunnaameyyiin jajjabi afaan isaanii hin beekkanne, ta latti isaanii laga heddu'uun gargar qoqoodante, addee Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfamutti, gara gaara Xiyoonii Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeef kennansa hin fiddi.

Source notes (2)
  1. Footnote Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.
  2. Footnote Lallaafa'aa: Yookiin cululuqa'aa

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.