Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Isaayaasii Raagichaa 12

Faaruu Leellisaa

Guyyaa san ati,

«Ee, Mootii Waan Maraa,

ati natti mufatteertaayyu;

amma mufii teeti na irraa deebittee,

waan na jajjabeessiteef si leellifadha!

Dhuguma Waaqi fayyisaa kiyya;

ani isatti hin addadha;

womaalle hin sodaadhu.

Mootiin Waan Maraa hunnaa fi jabeenna kiyya;

inni fayyisaa kiyya naaf te'eera.

Isin gammadaan madda fayyinnaa keessaa

bisaan hin woraabbattan» hin jetta.

Yennaa san isin,

«Mootii Waan Maraa galateeffadha'a;

maqaa isaalle waammadha'a!

Gosa biyya adda addaa keessatti

hujii isaa beessisa'a;

guddinna maqaa isaalle lallaba'a.

Inni waan guddoo waan godheef

faaru'uun isa leellisa'a;

waan inni godhelle

biyya lafaa mara irratti beessisa'a.

Ee kolbaa Xiyoonii,

Waaqi guddaan woyyichi Israa'elii,

odduu teessan waan jiruuf,

ilillisaa gammadaan faarsa'a» hin jettan.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.