Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Hose'aa Raagichaa 6

Cubbuu Faaci'ata Dhaba Kolbaa Israa'elii

Kolbaan, «Kowa'a, gara Mootii Waan Maraa deebinaa! Isattuu nu kukkutee, isattuu nu fayyisa; isattuu nu madeessee, isattuu madaa teennaa hidha. Guyyaa lamaan duuba inni jiruu haareya nu keessa hin keya; akka fuula isaa dura leenu guyyaa sadiin duuba nu hin kaasa. Kowa'a, Mootii Waan Maraa beennuu ti; isa beekiisaaf wodhaanuu ti. Inni akka boruu dayya'uu hin mudhata; akka bokkeya gannaa, akka bokkeya furmaataa ka lafa jiisuu gara keenna hin dhufa» hin jetti.

Mootiin Waan Maraa, «Ee Efreem, ani maan si godhu ree? Ee Yihuda'a, ani maan si godhu ree? Jaalalli keessan akka hurrii ganamaa ti; akka fixeensa ganamaa ka dafee baduu ti. Tanaaf, ani karaa raagota tiyyaatiin isin kukkutee, jecha kiyyaan isin ijjeese. Muraan tiyyalle akka balaqqeetti'ii isin irratti balaqqitte. Ani ciincaa caalaa jaalala bara baraa, kennansa gubamu caalaa ana Waaqa beekiisa keessan barbaada.

«Isaan akkuma Addaamii gondooroo diigane. Giil'aad qachaa namoota hamootaa, ka dhiigaan battowe. Worri nama saamu akkuma riphee nama eegu, hayyootille goli'iin akkasuma godhan; isaan karaa Sheekem geessu irratti nama ijjeesaa, yakkaa fokkisiittuu hujan. Ani Israa'el keessatti waan nafa nama shuguggeessu dhaggeera; Efreem achitti sagaagalee Israa'el battootte.

«Kolbaa tiyya boojuu irraa yennaa deebisu, ee kolbaa Yihuda'aa, isinille yennaa itti haammantanu murteesseera.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.