Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Seera Dadaa 35

Waaqi Bet'elitti Yaaqoob Eebbise

Waaqi Yaaqoobiin, «Ka'ii gara Bet'elii ol bayii, achi le'i! Yennaa ati obboleessa keeti Esaawu duraa baqatte ana Waaqa sitti mudhateef, addee ciinca'aa ijaar!» jedhe.

Tanaaf Yaaqoob maatii ifiitii fi worra isa woliin jiruun, «Waaqota orma odduu teessanii qaddanu baasa'a; nafa keessan qulqulleeffadha'a; woyaa teessanille jijjiiradha'a. Kowaa gara Bet'elii deenna. Waaqa yennaa rakkoo tiyyaa na qarqaaree, addee maratti na woliin jiraateef, addee ciinca'aa achitti hin ijaara» jedhe. Maarre isaan waaqota orma odduu ifiitii qabanu mara, qubee gurraalle1 Yaaqoobitti kennanee, inni qilxaa guddaa qachaa Sheekemii biraa jalatti awwaale.

Yennaa Yaaqoobii fi maatiin isaa achii deemiisaaf ka'ane, Waaqi kolbaa adaala qachootaa irratti sodaa guddoo waan buuseef, isaan hin hordonne. Yaaqoob worra isa woliin jiru mara woliin gara Luzii, lafa Kana'aan keessaa, ta amma Bet'el jedhantuu dhaqane. Yaaqoob achitti addee ciinca'aa ijaare; yennaa inni obboleessa ifii duraa baqatee ideeme, Waaqi achitti waan isatti mudhateeruuf, addee san, «El-Bet'el2» jedhee maqaa baase. Yennaa san Deboraan Ribqaa gudditte duutee, qilxaa Bet'el irraa gara kibbaa jiru tokko jalatti awwaalante; tanaaf qilxaan sun, «Qilxaa bowaa3» jedhame.

Yennaa Yaaqoob phaadaan-Aaramii deebi'ee dhufe, Waaqi ammalle isatti mudhatee, isa eebbise. Waaqi, «Maqaan keeti Yaaqoob; haganaa achi ammoo maqaan keeti, ‹Israa'el› jedhama malee, ‹Yaaqoob› hin jedhamu» jedheen. Tanaaf akkuma Waaqi maqaa isa moggaasetti maqaan isaa, «Israa'el» jedhame. Waaqi isaan, «Ani Waaqa waan mara dande'u. Hori, bacadhu! Gosi biyya adda addaa si irraa hin dhaggaman; moototille si irraa hin dhalatan. Lafuma Abrahaamii fi Yisihaqiif kenne, si'ii fi sanyii teetiifille hin kenna» jedhe. Achiin duuba Waaqi addee isatti dubbate sanitti isa lakkisee biraa ol baye. Yaaqoob addee Waaqi isatti dubbate sanitti soodduu dhaabee, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa irratti dhangalaase. Tanaaf Yaaqoob maqaa addee Waaqi isatti dubbatee san, «Bet'el» jedhee baase.

Du'a Raaheliitii Fi Dhaloota Beniyaaminii

Yaaqoobii fi maatiin isaa Bet'elii ka'anee, biyya Efraataa geyaaranuun, Raahel ciniinsuu jadduu ciniinsifatte. Ciniinsuun yennaa itti jabaatte, dubartiin deessittuu isi'ii, «Raahel, ati ilma dhibii waan deyaartuuf hin sodaatin!» jetteen. Raahel ammoo du'iisaaf lubbuun keessaa bayaartuun, maqaa muca'aa, «Ben-Onii4» jettee baatte. Abbaan isaa ammoo, «Beniyaamin5» jedhee baase.

Achiin duuba Raahel duutee, karaa Efraataa dhaqu, ka amma Betlihem jedhamu cina'atti awwaalante. Yaaqoob irreensa Raahelii irratti soodduu dhaabe. Soodduun sun haga adhaa achi jirti. Israa'el6 achii deemee, xelleephoo Edariitiin gara kaanitti qubate.

Ilmaan Yaaqoobii

(1 Dab. 2:1-2)

Yaaqoob lafa san adoo le'iisatti jiruu, Ruuben niitii abbaa ifii Bilhaa gursumeettii woliin rafe; Yaaqoobille waan kana dhage'e.

Yaaqoob ilmaan kudhanii lama qabaayyu. Ilmaan Liyaan Yaaqoobiif deette: Ruuben ilma angaficha, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon. Ilmaan Raahel Yaaqoobiif deette: Yoseefii fi Beniyaamin. Ilmaan garbittiin Raahelii Bilbaan Yaaqoobiif deette: Daanii fi Naftaalem. Ilmaan garbittii Liya'aa Zilfaan Yaaqoobiif deette: Gaadii fi Asheer.

Ilmaan Yaaqoobii worri phaadaan-Aaramitti dhalatane isaan kana.

Du'a Yisihaqii

Yaaqoob qachaa Mamre'eetitti Kebroon bira, addee Abrahaamii fi Yisihaq le'ane gara abbaa ifii Yisihaqii dhaqe. Yisihaq woggaa dhibbaa fi saddeettama le'e. Yisihaq guddoo dulloomee, baralle quufee du'e; ilmaan isaa Esaawu'uu fi Yaaqoob isa awwaalane.

Source notes (6)
  1. Footnote Qubee gurraa: Qubeen gurraa tun beessisa waaqota isaanii ti.
  2. Footnote El-Bet'el: Afaan Ibrootaatiin Waaqa Bet'elii jechu'u.
  3. Footnote Qilxaa bowaa: Afaan Ibrootaatiin Alon-Bakut jedhame.
  4. Footnote Ben-Onii: Afaan Ibrootaatiin ilma gadda kiyyaa jechu'u.
  5. Footnote Beniyaamin: Afaan Ibrootaatiin harka kiyya middicha jechu'u.
  6. Footnote Israa'el: Dur inni Yaaqoob Jedhama.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.