Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Seera Dadaa 23

Du'aa Saara'aa

Saaraan woggaa dhibba tokkoo fi diddamii torba leete. Isiin kiriiyat-Arbaa ta «Hebroon» jedhantu, lafa Kana'aanii keessatti duute; Abrahaam isi'iif guddoo gaddee bowe.

Abrahaam reeffa biraa ka'ee, worra Heetotaatiin, «Ani orma alagaa odduu teessan le'iisatti jiru; reeffa niitii tiyyaa akka itti awwaaladhu, addee awwaalaa naaf gurgura'a» jedhe.

Isaan deebisanee, Abrahaamiin, «Gootta'a, me nu dhage'i; ati nu oddu'utti sooressa gudda'a. Reeffa niitii teetii addee awwaalaa ta nuuti qannu keessaa ta caaltutti awwaaladhu. Nu keessaa nami tokkooyyuu lafa reeffa niitii teetii itti awwaalatu, ka si dhooggu hin jiru» jedhane.

Achiin duuba Abrahaam lafaa ka'ee, kolbaa biyya sanii, worra Heetotaatiif gad jedhee, isaaniin, «Ani reeffa niitii tiyyaa akka awwaaladhuuf fedhii teessan eega teete, Efron ilma Zohaarii lafa isaa irraa goda Makfela'aa ta irga fichaa isaa akka naa gurguru gaafadha'a. Inni gatii guutu'uun lafa awwaalaa, addee isin jirtanutti naa gurguruu ti» jedhe.

Efroninuu addee wolgeyi'ii karra qacha'aa bira worra Heetotaa dhibii woliin tee'eeraayyu. Efroniin nama biyya Heetii kunille, Heetoti, worri achi jiranu marti adoo dhage'anuu, Abrahaamiin, «Waawwo'o, goottaa kiyya, na dhage'i. Ani ficha'aa fi goda fichaa keessaalle kolbaan tiyya duratti si'iif kenna. Reeffa niitii teetii itti awwaaladhu» jedhe.

Abrahaam ammoo kolbaa lafa sanii duratti gad jedhee, isaan marti adoo dhage'anuu, Efroniin, «Yoo fedhii teeti teetee, na dhageette, ani gatii ficha'aa hin kenna, anarraa fudhadhu; anille reeffa niitii tiyyaa achitti awwaaladha» jedhe.

Efron deebisee, Abrahaamiin, «Goottaa kiyya, na dhage'i; cittuun lafaa ta meetii dhibba afurii baattu si'ii fi ana oddu'utti maan isiin? Reeffa niitii teetii itti awwaaladhu» jedhe. Abrahaamille dubbii Efronii fudhatee, haguma Efron adoo worri Heetota dhage'uu dubbate san, meetii dhibba afurii akkuma madaallii daldaltootaatitti madaalee kenneef.

Akka kanaan latti Efronii ta Makfelaa keessaa, ta Mamree irraa gara aduun baatu jirtu, fichaan sun goda isa keessa jirtuu fi mukoota irra jiranu mara woliin dabarfamee addee worri Heetotaa duudiin karra qachaa sanii keessatti wolitti qabamane duratti qabeenna Abrahaamiif te'e. Achiin duuba, Abrahaam reeffa niitii ifii Saara'aa goda fichaa Makfelaa keessaa, ta Mamree irraa gara aduun baatu jirtu, lafa Kana'aanii Hebroon keessatti awwaale. Maarre ficha'aa fi godi fichaa keessa jirtu, ta worra Heetotaa, lafa awwaalaa, qabeenna Abrahaamii teete.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.