Skip to content
BibleKenya

Kitaaba Woyyuu

Kitaaba Seera Dadaa 16

Aggaarii Fi Ishimaa'el

Niitiin Abraamii Saaraayi, ijoollee isaaf deettee hin jirtuuyyu. Isiin hojjattuu «Aggaar» jedhantu takka qaddi; Aggaar nama biyya Gibxi'ii ti. Saaraayille Abraamiin, «Mootiin Waan Maraa ijoollee dewuu akka na dhoogge hin dhaggita; hojjattuu tiyya bira geyi! Karaa isi'iitiin ijoollee hin dhaggadha fa'aa» jette. Abraamille dubbii Saaraayii dhage'e. Niitiin Abraamii Saaraayi hojjattuu ifii Aggaarii nama biyya Gibxi'ii san fiddee, akka niiti'iititti dhirsa ifiitiif kennite; kunille Abraam biyya kana'aanii keessa woggaa kudhan le'een duuba te'e. Abraam Aggaar bira geyee, isiille ulfootte; isiin akka ulfootte yennaa dhaggite, giittii ifii irratti mataa dhaadde.1

Achiin duuba Saaraayi Abraamiin, «Tun balleessaa teeti. Anumattuu isii si'iif kenne; isiin ammoo akka ulfootte beettee, na irratti mataa dhaadde. Ati yookiin ani sirrii akka teene, Mootiin Waan Maraa muruu ti» jette.

Abraam ammoo Saaraayiin, «Ati giittii hojjattuu teetii ti; akka jaalatte isii godhi» jedhe. Achiin duuba Saaraayi waan isii miicceef, isiille jalaa baqatte.

Ergamaan Mootii Waan Maraa goomolee keessatti madda bisaanii biratti Aggaar dhagge; maddi bisaanii sun karaa Shuur geessu gubbaa jiraayyu. Inni, hojjattuu Saaraayii, Aggaariin, «Eessaa dhutte? Eessa dhaqaarta?» jedheen.

Isiin, «Giittii tiyya Saaraayi jalaa baqatiisatti jira» jette.

Ergamaan Mootii Waan Maraalle, isi'iin, «Gara giittii teetii deebi'iitii, isii tajaajili» jedhe. Ergamaan Mootii Waan Maraa itti dabalee, «Ani sanyii teeti hin baceessa; bacinna isaaniitiin ka ka'e, eennulle isaan laakkowee hin dande'u. Ati amma ulfootteerta, ilmalle hin deetta; iyya ati miicantee iyyite Mootiin Waan Maraa waan dhage'eef, maqaa isaalle ‹Ishimaa'el› jetta. Inni akka harree diidaa hin le'a; inni nama mara hin morma; nami martille isa hin morma. Fira ifii mara irraa adda bayee hin le'a» jedhe.

Aggaarille, «Ani dhugumaan Mootii Waan Maraa ka na dhaggu dhaggee?» waan jetteef, Mootii Waan Maraa ka isi'itti dubbate san, «El-Ro'i2» jettee waante. Tanaaf namooti baleessa Qaadeshii fi Baared wodhakkaa jiru, «Be'er-Lahaayi-Ro'i3» jedhanee waamane.

Aggaar ilma Abraamiif deette; Abraamille ilma ifii ka Aggaar deette, «Ishimaa'el» jedhee maqaa baase. Aggaar yennaa Ishimaa'el isaaf deette, Abraam nama woggaa saddeettamii jaa ti.

Source notes (3)
  1. Footnote Giittii ifii irratti mataa dhaaddee: jechuun kun giittii ifii tuffattee jechu'u.
  2. Footnote El-Ro'i: Afaan Ibrootaatiin Waaqa na dhaggu jechu'u.
  3. Footnote Be-er-Lahaayi-Ro'i: Afaan Ibrootaatiin Balleessa Waaqa jiraataa na dhagguu jechu'u.

Kitaaba Woyyuu. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0. Source: eBible.org. Typeset from the source files; no intended changes to scripture wording. BibleKenya is not endorsed by the rights holder.

Full source notice & licence · CC BY-SA 4.0 · SourceEdition imported 2026-10-25.

BibleKenya

Reader settings

Theme
Font
Alignment
Reading width

Saved in this browser and used offline too. Press ? for keyboard shortcuts.